
Dhalachuu Yesuus Kiristoos
Seenaa Yesuus Kiristoos
Dhalachuu Yesuus Kiristoos Wangeelota keessatti “Yesuus Kiristoos” jedha. Yesuusiin fooniin dhufe kun Kiristoosii dha jechuuf.
Ergaawwan keessatti garuu “Kiristoos Yesuus” jedha. Ol waan fudhatameef, Kiristoosiin kun duraan Yesuus ture jechuuf.
Yoseef nama qajeelaa ture. Kanas Maariyaam dhagaadhaan rukutee ajjeesuu dhiisuu isaatiin argisiise. Akka seeraatti kaadhimaa isaa waan turteef akkas gochuu ni danda’a ture.
Wangeela Maatewos keessatti Mootii (King), Mootummaa (Kingdom) fi Qajeelummaa (Righteousness) kan jedhaman baay’inaan argamu.
1.3. [2:1-12] Wantoota Dhalachuun fide:
Akkuma dhalateen hariiroon inni nama wajjiin qabu jalqabe.
Kennaa dhiheessuu ogeessota urjii laakka’anii
Erga urjiidhaan qajeelfamanii “eessara?” jedhanii gaafachuun irra hin turre.
Akka yaada isaaniitti mootiin mana mootii keessatti dhalata jedhanii gara Heroodis deeman.
Heroodis baay’ee aaree tarkaanfii guddaa fudhate.
Aariin baay’een dogoggora namarratti arginee utuu hin taane of tuffannee aarra.
1.4. [2:13-23] Baqachuu Gara GibxiittiWaaqayyo karaa biraa qabaachuu hubannaErgamaasaa ergee isa oolchuu waan danda’uuf.
2. [3:1-4:25] 2.1. [3:1-12] Lallaba Yohaannis Cuuphaa
Wangeelonni sadan Yohaannis cuuphaa jedhu.
Kunis barreessaa wangeela isa afraffaatiin adda baasuuf. Inni garuu isa waan hin taaneef Yohaannis qofa jedhee waama.
Abbaan isaa luba ture. Inni garuu akka ilma lubaatti mana qulqullummaa keessa osoo hin taane, gammoojjii keessa ture.
Lallabni isaas waa’ee mootummaa samiiti( Kingdom of Heavens, in Plural form)
Mootummaa samii jechuun maal? Uma 1:1
Waggoota 400 darbaniif raajiin waan hin turreef Cuuphaan Araaraa barbaachise.
Cuuphaan du’a bakka bu’a. Rom 6:3
Angoohaan dubbata ture. “ Isiniin jedha ….” 3:7-9.
2.2. [3:13-17] Cuuphamuu Yesuus
Erga dhalatee waggaa 30’f of dhoksee ture.
Yohaannis maaliif cuuphuu dide? Ofiif cuuphamuu barbaadeet.
Yesuus maaliif cuuphame? Qajeelummaa hunda raawwachuudhaaf ture.
Kunis cubbamoonni qalbii isaanii jijjiirratanii cuuphamuun qajeelaa waan ta’eef.
“isa cubbuu namotarraa fuudhu…”, eega inni cubbuu hin qabne cuuphamee, nuutis cuuphamuun nuuf ta’a.
“Akkuma inni bishaan keessaa ba’een … samiin baname”
Waaqayyo si’a afur ilmasaa ta’uusaa dhugaa ba’eef:
Dhalootarratti Luq 1:35
Cuuphamuurratti Mat 3:17
Gaara irratti Mat 17:5
Olba’uurratti Rom 1:4, Ibr 1:5
2.3. [4:1-11] Qoramuu Yesuus
Akkuma cuuphameen qorame, maaliif?
Tajaajilli isaa lafa irratti ifa waan ba’eef (gaafa cuuphame sana).
Qorumsi kan argisiisu, hojiin nama tokkoo fudhatamuun dura inni ofiisaatii Waaqayyoodhaan mirkaneeffamuu qaba jechuu dha.
Mat 4 fi Uma 3 yoo wal bira qabnu:
Qormaanni inni jalqabaa Eeden keessa ture, inni lammataa garuu lafa onaatti ture.
Eeden keessa wanti nyaatamu baay’eetu jira, muka tokkittii malee.
Lana onaa sana garuu wanti nyaatamu tokkolle hin jiru, yoo dhagaan achi jiru sun buddeena ta’e malee.
Eeden keessa beelli hin jiru, Kiristoos garuu soomaa waan tureef beela’eera.
Addaamii fi Hewaan haala mijataa keessatti yoo kufan, Kiristoos garuu haala ulfaataa keessatti qorumsicha ni darbe.
Seexanni “yoo ilma Waaqayyoo taate” kan jedheef wanta boqonnaa 3 keessatti jedhame dhaga’aa waan tureefii dha.
Wanti seexanni godhi jedheen hundi cubbuu ta’aniitii miti. Fakkeenyaaf nyaata gochuun.
Garuu ilaacha isaa waan hubateef ittiin morme. Kunis ilma namaa ta’uusaa keessaa baasuuf ture.
Kanaaf yeroo hunda meeshaa lolaa keenya hidhannee diinaan loluutu nurraa eegama. Efe 6:10-18
2.4. [4:12-25] Yesuus Tajaajila isaa jalqabe
Barsiisuu fi lallabuu jalqabe
Yohaannis qabamee ture. “ inni nuuti eegnu si’i moo kan biraa eegnu?” jedhees bartoota isaa itti ergee ture.
Wanti inni hin hubati Yesuus mootii Yihudootaa osoo hin taane Mootii mootummaa waaqaati.
3. [5:1-7:29] 3.1. [5:1-7:29] lallaba Gaararraa
Inni kun kophaa isaattuu barnoota of danda’ee dha.
Lallaba mootummaa Waaqayyoo
Qajeelfama kadhannaa
Ilaalcha jireenyaa adda ta’e Kiristoosiin
4. [8:1-9:35] Angoosaa Hojiirraa Oolchuusaa
Kunis karaa dinqiiwwan inni hojjateetiinii dha.
Kakuu Haaraa keessatti (Afaan Giriikiitiin) jechoota saditu waa’ee dinqii ibsa:
1. Dunanis: angoo (active power)
2. Teras: waan haaraa yookiin addaa uumuu
3. Semion: mallattoo
Namoonni yeroo baay’ee isa 1 fi 2 irratti xiyyeeffatu. Nuuf garuu mallattoo dha.
4.1. [8:1-17] Ta’iiwwan 5 of keessaa qaba.
Lamxii qulleessuu (Mat 5 keessatti hafuuratti hiyyeessota isa jedhu dha)
Tajaajilaa ajajaa dhibbaa tokko fayyisuu
Amaatii pheexiroos
Seexana baasuu (casting demons)
Dhukkubsattoota hundaa fayyise
4.2. [8:18-9:8] Ta’iiwwan sadi of keessaa qaba.
1. Galaanarra ce’uu
2. Seexana baasuu
3. Cubbuu namaaf dhiisuu (isaan garuu Waaqa arrabse jedhuun)
4.3. [9:9-34] waa’ee ayyaanaa (Grace)
Seenaa Maatewos argina.
Bartoonni maaliif akka hin soomnes gaafatameera
Dinqii garagaraa saditu kutaa kana keessa jira
5. [9:36-11:1] Waa’ee Duukabuutota Isaa
Boodarra ergamoota ta’an.
Midhaan haamamu baay’achuusaa isaanitti dubbate.
Wangeelaaf ba’uu dura jaalala lubbuu qabaachuu akka qaban dubbata.
Maqaan ergamoota 12 wangeelota keessatti bakka afuritti barraa’ee jira.
Kunis Mat 10, Mar 3, Luq 6 fi HoE 1. Iddoo kana hundumaatti tartiibni isaanii garaa gara. Garuu bakka hundatti 1ffaa, 5ffaa, 9ffaa fi 12ffaan wal fakkaatu.
Kunis garee saditti qoodamanii akka jiranii fi waarree akka Pheexiroos, Filiphoosii fi Yaa’iqoob gaggeessitoota gareewwanii yoo ta’an, Yihudaan yeroo hunda nama isa dhumaa garee isa dhumaa ti. 6. [11:2-30]
Kutaan kun Gooftaan fudhatama dhabuusaa fi mormitoonni itti baay’achuusaa dubbata.
Yohaannis Gooftaa shakkee namoota itti ergee ture. Sababni isaas inni mootii guddaa isa ani danda’ee kophee miilla isaalle hin hiikne yeroo jedhu, akkasumatti yeroo inni rakkina garaagaraa argu kan isa daawwatuu fi mormiin kan itti baay’atu hin seene.
Waa’ee Koraaziin fi beetsaayidaas ni dubbata.
Dhoksaa Waaqayyo ogeessotaa fi hubattoota jalaa dhoksee wallaalotatti mul’iseefis ni galateeffata.
7. [12:1-50] Waa’ee Guyyaa Sanbataa
Waaqayyo saba Israa’eliitiif akka mallattoo kakuutti guyyaa sanbataa kenneefii ture. His 20:12, Ba’u 20:8.
Waa’ee daabboo Daawit nyaatee, horii boolla bu’ee, kaasee amansiisuuf yaaleera.
Isaan garuu guyyaa kanatti nama fayyisuusaas mormaa turan.
Garuu guyyaan hundi waan gaarii akka hojjannuuf nuuf kenname.
Hafuura hamaadhaanis hafuura hamaa baasa jedhaniin. Kanaafis 12:31 irratti Hafuura Qulqulluu kan arrabse kan jedhuuf.
Hafuura Qulqulluu kan arrabse jechuun “waan gaarii hunda hamaa godhanii fudhachuu” jechuu dha.
Hin dhiifamuuf jechuun immoo “waan kanatti jabaatee kan dhaabatu hundi haala araarri ittiin argamu keessa hin jiraatu” jechudha.
8. [13:1-23:39] Waa’ee Mootummaa Waaqayyoo
Jireenya mootummaa Waaqayyoo keessatti nurraa eegamu nu barsiisa.
Fakkeenya garaa garaatiin: 13,18,20,22
Fariisotaa fi barsiisota seeraa: 15,16,19,23
Ulfina Yesuus: 17,21
9. [24:1-25:46] Waa’ee mallattoo bara dhumaa
Kunis amantoonni yeroo mallattoolee kanniin arganitti dhufaatii gooftaa akka dhi’aate beekanii akka qaophaa’aniif, dhufti isaas tasa itti ta’ee guyyaan sun akka hattuu akka isaanitti hin dhunneef kana dubbate.
10. [26:1-28:20] Du’aa fi Du’aa ka’uusaa
Dhaamsa xumuraa:
Deemaa,
Cuuphaa,
Barsiisaa,
Bartuu koo godhaa.
GUDUNFAA:
Gooftaa Yesuus tajaajila isaa yeroo xumuru dhaamasa guddaa tokko dhaamuudhaaf jecha tokko dubbatee ture.
Innis “ Egaa dhaqaa…” isa jedhuu dha. Fayyina guddaa kana warri fudhatan hundi ajaja kana guutuu qabu. Innis deemaa jedhe malee taa’aa hin jenne.
Biyya keenyaaf, Afrikaadhaaf, addunyaa keenyaaf furfaata haa taanu.
AMEEN!!
Source from Oromobiblestudy