Barsiisni dhuga baatota Yahuwwaa (Yahiwwee) Dhugaa Macaafa Qulqulluu keessatti Yemmuu ilaalamu:
Akka (Efe.4:5) tti mana amantaa tokkichatu jira jechuu miti. Kunis Dhaabbata tokko hin jedhu.
Akka (Yoh.10:16) tti immoo Yesuus kan jedhaa jiru gola Israa’el malee warra ormootaas kan mul’isu dha. Kunis dhaabbata amantii tokko kan calaqqisiisu miti. Yohaannis 10:7-27 kan jiru Dhaabbata tokko jalatti walitti qabamuu kan jedhu miti.
Akkaataa Hojii Er.15 irra jiruttii immoo wal gahiin yeroo sana taasifamee mana amantaa kamiiniyyuu kan bakka bu’u miti.
Macaafa Qulqulluu hubachuuf kan namaa ibsu ni barbaachisa ( Hoj.Er. 8:3031). Garuu barreeffama dhaabbanni tokko itti dabale miti. Filiiphos bakka kanatti Macaafa qulqulluu qofa fayyadame malee waan biraa hin fayyadamne ture. Kanaaf yaada dhaabbanni amantii kun qabu sirrii miti. Karaa biraan barreeffama dhufu qoranii ilaaluun barbaachisaa akka ta’e Hoji Erg.17:11 ni hubanna. Macaafa Qulqulluu dhuunfaan haala hubannaaf ta’uu , karaa Hafuurri Waaqayyo ibsuun qo’achuun cubbuu hin qabu.
Namni tokko jireenya barabaraa argachuuf Ilma Waaqaa kan ta’e Yesuusitii amanuun malee hojii gaarii hojjete qofaaf miti. Kan dursu amantii Yesuusitti qabu dha malee hojii gaarii miti. (Yoh.3:16)
Afaan Ibraayisxi keessa qubeen dubbachiiftuu hin turre;kanaaf maqaa Waaqaa “YHWH” akkanatti barreeffame. Israa’eloonnis maqaa kana waamuu irra ‘Adoonayi’ kan jedhu fayyadamu turan. Dhaloonni itti aanee dhufes yeroo baay’ee jecha kanatti hin fayyadamne.
Kana malees Maqaan Waaqayyoo Hiwwaa/Yaahiwwaa qofa kan jedhan gareen amantii kanaa kakuu Haaraa keessatti bakka kamitti iyyuu , Gooftaan Yesuus hin fayyadamne. Bartoonni isaas akkasuma maqaa kana bakka isaan itti fayyadamuun waaman hin arginu. Yesuus kadhana yeroo barsiiseetti “ yaa abbaa keenyaa..” maqaa kana keessa hin galchine.
Nutis ijjoollee Waaqayyooti;aboo mucummaas qabna. Osoo tokkichi maqaa Waaqayyoo Yahiwwee ta’ee Kakuu Haaraa keessatti ifatti caqasamuu tu irra ture.
Akka Seera Ba’uu 3:15 dhaloonni maqaa Waaqayyoo qulleessuu kan qabu maqaa kanaan waamuu qofaan miti. Maqaan amalaa fi eenyummaa waliin kan deemuu dha;kanaaf eenyummaa Waaqayyoo hubatee kabajuu qaba dhaloonni. Kunis hundaa ol ta’uu isaa ;waan hundumaa danda’aa ta’uu isaa;bara baraan kan jiraatu ta’uu isaa irraa kan ka’e waaqessuu fi kajaba kennuufii qaba.
Akka warra amantaa kanaatti Macaafa Qulqulluu keessatti kan deddebi’ee hin caqafamneef yeroo warri Ibrootaa galagachuun barreessan hanbisan jedhu. Kanaaf Macaafa Qulqulluu Dhaabbata isaaniitiin Maxxansan (NWT) keessatti yeroo 237 barreesaniiru. Haa ta’u malee Macaafni Qulqulluun jalqabaa hanga ammaatti eegumsa waaqayyoo jala jira; osoo hin taanee amma akkamittii sirriidha jennee fudhanna?
Yesuus uumama malee uumaa miti kan jedhan Macaafa Fakkeenyaa 8:22 irraa ka’uun. Bakka kanatti kan argamu immoo waa’ee namaa miti. Kan kitaabichi ibsu waa’ee ogummaa ti. Fakk. 8:1-9:18 kutaan jiru kun waa’ee ogummaa haalaan dubbiin ibsa malee waa’ee Iyesuus Kiristoos miti.
Akka Qol.1:15-20, waan hundaa dura, angafa jechoonni jedhan uumamuu mul’isuu qofa osoo hin taane; angafummaan ulfinaa fi kabaja kan agarsiisu dha. Fakkeenyaaf Yaaqob angafummaa Esawuu fudhatee jechuun ulfina ykn kabaja, akkasumas dhaala ibsa.Mul.21:6 irratti wanti barreeffame Yesuus ni uumame kan jedhu miti. Jalqaba waan hundumaa jechuun kaa’amera.
Mee hubadhuu ilaali akka amantoota Dhuga Baatota Yhiwwaa tti (Luqaas 23:43) irratti, namoota hamaa godhan keessaa isa tokkoon waan Yesuus jedhu argita; kunis”... har’a anaa wajjin jannata keessatti in argamta” jedha. Egaa Miseensa kamiin ture namichi kun? Namni qalbii jijjirachuun Yesuusitti amanuun fayyina akka argatu hubanna.
Waaqayyoo Abbaa, Yesuus Kiristoos, Hafuura Qulqulluu irratti Macaafnni Qulqulluun maal akka jedhu:
| # | Amala | Abbaa | Ilma(Yesuus) | Hafuura qulqulluu | |
|---|---|---|---|---|---|
| 1 | Bakka hundaatti argamuu | 1Mot.8:27 | Mat.28:20 | Far.139:7 | |
| 2 | Hundumaa Beekuu | Far.147:5 | Yoh.16:30 | 1Qor.2:10 | |
| 3 | Hundaa danda’uu | Far.135:6 | Mat.28:18 | Roome.15:19 | |
| 4 | Bara baraan jiraachuu | Far.90:2 | Yoh.1:2, Mul.1:8,17 | Ibr.9:14 | 5 | Qulqulluu dha | Mul.15:4 | HOE 3:14 | Roome. 1:4 |
Gabatee kana irraa kan hubannu sadan tokkummaa Waaqaa akkasumas alama fi eenyummaa akkamiin akka Macaafa Qulqulluu keessaatti caqafame dha.
Du’aa ka’uu gooftaa Yesuus ilaalchisee yaadni isaan qaban Macaafa Qulqulluun kan wal hinsimne dha.
Macafni Qulqulluun kan jedhu Yesuus du’aa kan ka’e fooniin
malee hafuura qofa miti; fooniin yemmuu jedhu isa lammaffaa hin duuneen. Erga ka’ee booda bartoota isaatti mul’ateera;nyaata nyaatera (Luq.24:41-43, Hoe.1:4, Yoh.21:12-15, 1Qor 15) kutaawwan kanneen dubbisuun ni danda’ama .
Dhufaatii lammataa Yesuus Kiristoos ilaalchisee gareen amantii kanaa kan caqasan Yoh.14:19 yoo ta’uu kan hiikkatan haala dogongoraa ta’een.Yesuus bakka kanatti kan dubbate barabaraan kan ta’u osoo hin taane , du’ee yeroo du’aa ka’utti waan ta’e ture.Kana malees dhoksaatti dhufeera kan jedhus barsiisa sobaa qabu.
Continue Reding