Sadan Tokkummaa

Barumsa Afuuraa Kiristaanaa (Christian Theology)

Maqoota Waaqayyoo Kakuu Haaraa Keessatti

Kakuu Haaraa keessatti maqootni Waaqayyoo baay‘ee dha.Isaan keessaas kanneen armaan gadii kan caqasamani dha

1. Tiiwos (Theos) : jechi kun jecha Afaan ibirasxii Eloohiim jedhuu wajjiin wal fakkeenya qaba.Tiiwos jechuun Waaqa jechuu dha. Tit.2:13.

2. Kiiriyoos (Kyrios/kurios) :-jechi gooftaa jedhu kun Kakuu Haaraa keessatti yeroo 717 kan caafame yoo ta‘u, wangeela Luqaas keessatti yeroo 210 akka argamu dha.Kunis hiikaan Afaan Ingilizii isaa ‗ Owner, Master, Lord‘ kan jedhu dha. Kiiriyoos jechuun immoo gooftaa jechuu dha. Yoh. 20:28.

3. Abbaa/ Father( Abba) :- Abba jechi jedhu Kakuu Moofaa keessatti yeroo 15 qofa kan caafame yoo ta‘u, Kakuu Haaraa keessatti immoo yeroo 245 caafamee jira. Kes .32:6, Isa.63:16, 1Qor.8:6, Efe.3:14, Ibr.12:9, Yaq.1:17. ‗Abba‘ jechuu abbaa(father) jechuu dha. Rome 15.

4. Diispotiis:- Itti gaafatamaa/gooftaa Luq.2:29, Hoe.4:24.

5. Amaanu‘el:-Waaqayyo nuu wajjin Mat.1:23, Yoh.1:14.

6. Yesuus:-fayyisaa Mat.1:16.

7. Kiristoos:- kan dibame, nugusa/masihii, Mat. 16:16.

Kutaa Afur Sadan Tokkummaa/Silaasee (Trinity)/

Tokkummaa fi sadan Waaqayyoo:- sadii ta‘uu karaa sadii hubachuu dandeenya. Isaanis hojii isaaniin, maqaa isaaniin, eenyummaa isaaniin. Macaafni Qulqulluun Waaqayyo tokko qaama sadii keessatti akka argamu dhugaa nuu baha. Qaamni sadan kun Abbaa, Ilmaa fi Hafuura Qulqulluu dha.

Abbaa, Ilmi fi Hafuura Qulqulluun wal hin caalan

a. Amalaan

b. Aboodhaan wal qixa.

Eenyummaa Waaqayyoo ibsuudhaaf ―qaama‖ kan jedhu fayyadamna.Sagaleen kun kan ilaallatu Waaqni akkuma namaa foon qaba osoo hin taane, Qaamni tokko waan qabaachuu qabu yoo guutu dha. Waaqa eenyummaa qaba ; beekumsa(Intellect) qaba; fedha (Will) qaba; miira (Emotion) qaba jechuu dha.

Barsiisa Sadan Tokkummaa Waaqaa Seenaa Keessatti

A. Tertuuliyaan (Tertulian): yeroo jalqabaatiif barsiisa waa‘ee sadan tokkummaa Waaqayyoo Waldaa Kiristaanaa keessatti namichi qindeesse Tertuuliyaan jedhama.Waaqayyo tokko qaama sadii keessa jiraata jedhee bu‘uura haa buusu malee , Ilmi Abbaa irraa gad barumsa jedhu barsiise xumuree ture.Namichi kun nama Kaaba Afriikaa yoo ta‘u beekaa Macaafa Qulqulluu kan ture jaarraa 2ffaa keessa kan jiraate.

B. Siibaliyoos (Sabellius) : namichi kun immoo yaada kana yeroo ibsu, silaasee jechuun ibsa Waaqayyoo isa tokko jedha ;kanas yoo ibsu akkas jedha:

Akka abbaa ta‘ee seer uumuutiin mul‘ate.

Akka ilmaa ta‘ee foon uffatee mul‘ate.

Akka Hafuura Qulqulluu ta‘ee immoo lammata dhalachuu fi qulqulleessuu irratti mul‘ate.

Barsiisi sobaa namicha kanaa jaarraa 3ffaa kan ka‘ee ture ;biyya keenya Itoophiya keessas bifa ―Waldaa Hawaaritiitin‖ ( ONLY JESUS) jedhuun jira.

Yesuus qofa (Ony Jesus/Modalism) : akka barsiisa Siibaliyoositti Waaqayyo qaama sadii osoo hin taane qaama tokko.Qaama tokko kan ta‘e kun Waaqayyo immoo yeroo adda addaatti haala ( Models) adda addaatiin fi boca (forms) adda addaatiin ofiii isaa mul‘iseera jedha.Kana jechuun isaa Kakuu Moofaa keessatti Waaqa Abbaa kan ture , Kakuu Haaraa keessatti Waaqa Ilma ta‘ee dhufe ;kanaan booda ammo Ilma ta‘uu dhiisee gara Hafuura qulqulluutti jijjiiramuun dhufe jedhee kan amanu dha. Siibaliyoos kana fakkeenyaan ibsuuf bishaan fudhateera.Cabbiin yeroo baqu gara bishaanitti jijjirama; bishaan immoo yoo danfu gara urkaatti jijjiirama jedha.Kanaafuu sadan kunniin jajjaboo, dhangala‘oo, fi urki ibsa bishaanii boca isaa kan ibsan akkuma ta‘an Waaqayyos eenyummaa isaa haala kanaan jijjiireera jechuun amanee barsiisa ture.

C. Oorigon( Origun) :gad aantummaa( Subordinationism) abbaa barsiise ture.Yaada kana kan burqisiise namicha Oorigon jedhamu barsiisaa kan ture kan jiraates bara 185-254 ture. Namichi Oorigon jedhamu barsiisa Tertuuliyaan iraa ka‘uun Ilmi Abbab irraa gad, Hafuuri Qulqulluun ammo Ilma irraa gad jedhee barsiise.Barsiis Oorigon inni ijoon Ilmi Waaqa barabaraati; garuu Waaqa abbaa irraa gad ykn in xiqqaata kan jedhu ture.

D. Ariiyosaawwiyyan ( Arianism) :namichi kun kan dhalate bara 270 Luba Alaksaandar ture. Jaarraa 4 ffaa keessa barsiis isaa Oriyoosaawiyyan jedhamee dhagahameera.Waa‘ee Yesuus yeroo ibsutti kan abbaa wajjin wal fakkeessu amala hinqabu jedha. Yesuus uumama jechuuf kutaa Macaafa qulqulluu inni caqasu kanneen armaan gadiiti. Yoh.1:14, 3:16-18, 1Yoh.4:9, Qol.1:5, Fakk.8:22, amantii kan har‘a kan hordofan Joheva Witnesses warra jedhaman dha.Isaan kanaaf gooftummaa Yesuus Macaafonni ibsan : Isa.9:6, Yoh.8:58, Far.102:25-27, Isa.12:37-41, Mul.22:13, Yoh.1:1, 1:23, Ibr.1:1-12, Isa.40;3.

E. Mucummaa (ADOPTIONISM/Monarcianism):- mucummaa barsiis jedhu Waaqummaa Yesuus kan barabaraa kan fudhatu miti. Yesuus hanga bishaaniin cuuphamutti akka nama kamiyyuu akka ture, haa ta‘u malee Waaqayyo erga inni cuuphamee booda akka mucaa isaatti lakkaa‘uun humna keneeffii, humna kana irraa kan ka‘e dinqii garaa garaa hojjete kan jedhu dha.Barsiis kun Waaqayyo Yesuusin mucaa isaa godhee fudhateera haa jedhu malee barabaraan waaqa jedhee hin fudhatu. Yesuusin angafa jedhee ilma koo jedhee waame jedhu.Barsiisa kanaaf kutaawwan Macaafa Qulqulluu itti aanuun dhufan ,gooftummaa Yesuus ibsuuf wabii akka ta‘an hubachiisa.Isa.9:6, Mul.22:13, Yoh.1:18, Rome.9:5,

F. Waaqni tokkicha kan jedhan( Monotheism) :Akka warra kanaatti immoo Waaqayyo qaama sadii osoo hin taane, qaama tokkicha suni Waaqa abbaa dha kan jedhanii dha.Waa‘ee Yesuus yeroo barsiisan inni nama qofa jedhu.Akka yaada warra kanaatti Yesuus ilma Waaqayyoo akka ta‘etti hin fudhatan kana jechuun Waaqayyo mucaa godhata yaada jedhu waan itti fiduuf hin amanan.Baay‘inan yaada kana kan adeemsisan garee Yihuudotaa keessaa fi Isilaamota.

G. Saamtaa Phaawuloos:- namni kun Jaarraa 3ffaa keessa kan jiraate yoo ta‘u , barumsa sadan tokkummaa Waaqaa ganuudhaan Waaqayyo tokko jedhee kan barsiise ture. Waa‘ee Ilmaa ilaalchisee Sammuu abbaati malee eenyuu mataa isaa hin qabu jedhee barsiise.

H. Soosiiniiyaanota:-kan ka‘an bara haaromaa , Jaarraa 16ffaa, keessa yoo ta‘u waa‘ee sadan tokkummaa Waaqaa Abbaa, amala isaa qofaan nama kan ta‘e Yesuus,humna Waaqayyoo qofa kan ta‘e Hafuura Qulqulluu jechuun barsiisaa turan.Waaqummaa Yesuus ganuun sadan tokkummaa Waaqaa gananiiru.

I. Yuuniitaariiyaanota:-kan ka‘an akkuma Soosiiniiyaanotaa Jaarraa 16ffaa keessa yoo ta‘u , barsiisi isaanis wal fakkaata.Dura Bu‘aan isaanii serviites yoo jedhamu barsiisa sobaan itti mirkanaa‘ee Jenevaa kessatti ibiddaan gubatee akka du‘u itti murtaa;e.

J. Moormoon ( The church of Jesus Christ of Letter Day Saints) :- amantii Moormoon kan dhaabe namicha Yoosefi Siimiiz jedhamu yoo ta‘u yeroon isaas bara1830 A.L.A ture.Moormoon barsiisa Macaafa Qulqulluu waa‘ee sadan tokkummaa Waaqaa hin fudhatan garuu barsiisa kan isaanii hordofu.Kunis Waaqolii sadiitu jiru jedhu;akka warra kanaatti Waaqayyo Hafuura osoo hin taane , foonii fi dhiiga kan qabu dha.Akka barsiisa isaaniitti namoonni gara waaqummaatti jijjiiramuuf dandeettii qabu jedhu. Akkasumas barsiis isaanii Waaqummaa Yesuus kan ganu dha.Yesuus akkuma keenya nama malee waan addaa hin qabu jedhanii amanu.Barabaraan kan jiraatu Hafuura Yesuus qofa , kaanuufuu namnis hafuuraan barabaraan waan jiraatuuf Kiristoosis akkasuma jedhu.

K. Maliidooniyaaniizim:- amantii kana kan dhaabee Meqidenyaas yoo ta‘u falaasamni isaa bu‘uura kan godhate eenyummaa Hafuura Qulqulluu irratti.Waa‘ee Hafuura Qulqulluu yoo dubbatu , Hafuurri qulqulluun uumama jedha.

L. Moonoteeliizim :- amantii kana kan dhaabe Tewoodoosyaas kan jedhamu yoo ta‘u, ejjennoo inni Yesuus irratti qabu , Yesuus fedha Abbaa ti malee fedha mataa isaa hin qabu ture kan jedhu dha.

Waaqayyo qaama sadii keessa kan jiraatu Waaqa tokkicha akka ta‘e Macaafni Qulqulluun in ibsa. Kunis barumsa kiristaanummaa keessatti isa bu‘uuraati. Barsiisi biraan isa kana irratti kan dhaabate dha. Seenaa keessatti Waldaan Kiristaanaa dhugaa kana fudhatee barsiisaa turteetti.Barsiisa sadan tokkummaa Waaqaa seenaa keessati 1. Seenaa Waldaa Kiristaanaa keessaatti yeroo jalqabaa kan barsiise Xarxaaliinos namicha jedhamu ( Trinity) jecha jedhu jecha tokko kan maqaa sadii ibsuu itti fayyadame.Haa ta‘u malee namichi kun walitti dhufeenya Abbaa fi Ilma gidduu jiru yeroo ibsetti, ilmi abbaa gad jechuun barsiisa dogongoraa ( Error of subordination) barsiisee ture. Oriigon namichi jedhamu barsiisa Xarxaaliinos irraa ka‘uun ilmi Abbaa irra xiqqaata ;hafuurri Qulqulluun immoo ilma irra xiqqaata jechuun barsiise. Bara 270 tti namichi biyya Liibiyyatti dhalate Ariyuus kan jedhamu immoo haala wal fakkaatuun Yesuus kiristoos uumama Waaqayyoo isa jalqabaa ti ;Hafuurri Qulqulluun immoo Ilmaan kaan uumame dha kan jedhu barsiisa sobaa barsiisee ture.Akka bariisa Ariyuusitti Waaqa abbaa qofa waaqa kan jedhamu.

Yaadoleen akkasii seenaa keessatti ka‘anii waan turaniif 318 kan ta‘an abbootiin amantaa bara325tti Niiqiiyaatti (Magaala isiiyaa Ishee xiqqaa ) wal gahii godhaniin Ilmi waaqa akka ta‘ee fi Abbaa wajjin walqixa akka ta‘e qulqulleessan.Kanaanis barsiisa Ariyuus busheessan. Bara 297-373 giddutti kan jiraate Ataanaayuus kan jedhamu barsiisa sadan tokkummaa Waaqaa irratti barsiisa qulqulluu ta‘e barsiisuun seenaa Waldaa Kiristaanaa keessatti nama beekamaa ta‘ee maqaa isaatiin Manni amantaa baheef illee akka ture dha. Barsiisa sadan tokkummaa waaqaa ganuun keessattuu gooftummaa Yesuus barsiisi sobaa baay‘een ka‘anii turan.kanneen keessaa kan irra caalaatti bekaaman armaan gadiitti tarree galaniiru.

Bara duriitti Waldaa Kiristaanaa keessatti sadan tokkummaa Waaqayyoo irratti barsiisa sobaa ka’anii turan


Lakk. Barsiisa sobaa Geggesitoota Maqaa Amantichaa
1 Moonaa keyaaniizim Teewodoxoos Yesuus yeroo cuuphame kiristoos ta‘e;du‘aa ka‘uu booda ilma waaqaa ta‘e.(Adopted)
2 Saabiiliizim Awusaabiyuus Waaqni tokkichi ofii isaa karaa(bifa) sadii ibseera.
3 Ariyaaniizim Ooriyuus Kiristoos uumama jalqabaati
4 Walakkaan Ariyaaniizim Gorgooriiyus Kiristoos akkuma Abbaati garuu irra xiqqaata.
5 Maalidooniyaaliizim Maqdooniyaanis Hafuurri Qulqulluun uumama
6 Appaaliiniyaaniizim Abuliinaariyes Kiristoos Lubbuu namaa hin qabu( Logos)sagalee jedhameera
7 Nisitirooyaaniizim Nisxiroos Kirisitoos lubbuu namaa hin qabu.Sagalee irra Waaqayyo yeroo buufatu ; nama Waaqayyoon baatu ta‘e ( God bearing man).
8 Iyyuutikiyaaniizim Awuuxaaken Eeeyyumman Kiristoos sagalee(Logos) jijjiirameera; nama miti Kiristoos.
9 Minofiitizim Saawwiroos Kiristoos amala tokkicha qaba.
10 Minooteeliizim Teewedoosiyuus Kiristoos fedha fedha namuummaa hin qabu;fedha Waaqummaa qofa malee.






Continue Reding