Barumsa Afuuraa Kiristaanaa (Christian Theology)
Waaqayyo hin jiru jedhanii Warra amanan-mallattoolee isaanii
1. Ilaalcha warra gananii (Atheism):- Gantoota jechuun jiraachuu Waaqayyootti gonkumaa kan hin amanne jechuu dha.Waa‘ee yoo fudhanne karaa sadii ilaaluu dandeenya;
a. Hojii ykn jireenya isaanii kan ganan.
b. Waaqayyo tasumaa hin jiru kan jedhan
c. Keessatti amannii afaaniin kan ganan akkasumas afaaniin amananii keessa isaanitti kan ganan.
Haala kanaan baay‘een amantoota ofiin kan jedhan ganaa jiru. Sababni isaa laphee isaaniin in amana yoo jedhan iyyuu hojii isaaniitiin gananiiru.Kanaafuu hundumtti keenya ofii keenya ilaaluu qabna malee kan birootti qofa quba qabuu hin qabnu.Ana ofiima koo irraa na eegi jechuu wayya. Gooftaan nu haa gargaaru!
2. Jiraachuun Waaqayyoo tasumaa beekamuu hin dandaa’amu kan jedhan (Agnosticism):- ilaalcha kana namoonii hordofan akkuma warra Waaqayyo jira jedhaniitti odeeffannoo saayinsaawwaa ta‘een jiraachuu Waaqayyoo beekuun akka hin dandaa‘amne sababa mataa isaanii dhiyyeesu.
3. Waanti hundinuu Waaqayyoodha; Waaqayyos waanta hundumaati warra jedhan (Pantheism):- Akka warra kanaatti immoo Waaqayyo uumama hundumaa keessa jira.Kana jechuun warra lubbuu qaban keessaas warra lubbuu hin qabne keessaas jira ;Waaqayyo jechuun wanta mul‘atus uumama hin mul‘atines jedhu.Waanti hundinuu kan barabaraatti dhufaatiin isaanis kan mul‘atu waantota irraati jedhu.
4. Waantoonni Adeemsa keessa dhufan warra jedhan (Evolutionsts View):- akka warra kanaatti immoo yeroo ammaa kana wanti argaman adeemsa yeroo keessa uumaman ykn dhufan malee uumaa tokkotu uume hin jedhan.Dhala namaas waa‘ee hojii isaanis ta‘e yaada isaanii kan gaafatu Waaqni hin jiru jedhu.
5. Waaqayyo bakka jiraatu tokko qaba; garuu dhala namaa gidduu hin jiru kan jedhan (Deism View):- warri kun immoo Waaqayyo waan uumettii namoota dabalatee walitti dhufeenya hin qabu jedhu. Waaqayyo biyya lafaa kana uumee deemera. Dhala namaattis dhimma hin qabu jedhu.
6. Walitti dhufeenya humnoota lamaa jira malee humna qabeessa tokkotu jira warra jedhan (Dualistic View):- akka ilaalcha warra kanaatti immoo humnaan kan walgitan barabaraan kan jiraatan lamatu jiru kan jedhu dha.Kunis ifaa fi dukkana, gaarii fi hamaa, Waaqayyoo fi seeyixana waliin humna wal qixaan kan waliin tokko isa biraa cinatti hojetaa kan jiraatan malee qofaa isaatti Waaqa jabaa fi humna qabeessa kan ta‘e hin jiru jedhu.
7. Ilaalcha Warra Waaqolii Baay’ee hodofanii (Polytheistic View):- ilaalichi warra akkanaa immoo waaqolii baay‘ee waaqessuu kan jajjabeessu dha.Sababa yeroo kaa‘an waaqni inni tokko yoo dheekkame gara waaqa isa biraa deemuun waaqessuutu dandaa‘ama jedhu.Qofaa isaa waaqeffamuu waaqni barbaadu yoo jiraate, inni oftummaa dha jedhu.Kanaafuu waaqa tokkicha yaadni jedhu hin jiru jechuun barsiisu. Armaan olitti kan ibsaman ilaalchi garaa garaa marti sagalee Waaqayyoo ta‘e Macaafa Qulqulluun waan barsiisu irraa baay‘ee kan fagaatani dha
Jiraachuun Waaqayyoo Karaa Ittiin Beekamu
Jiraachuu Waaqayyoo karaa ittiin beeknu tokkoo fi tokko qofa. Kunis karaa mul‘ate qofaan amanuu dha.Kana jechuun immoo namni tokko Waaqayyo jira jedhee waan amane qofaaf Waaqayyoon beekeera jechuun hin dandaa‘amu.Namni tokko Waaqayyoon akka waaqummaa isaatti beekera jechuuf yoo xiqqaate wantoota afur guutuu qaba.Isaanis : Waaqayyoon yoo amanu, Kiristoosiin akka fayyisaa lubbuu isaatti amanee yoo fudhatu,gooftaaf yoo ajajamu fi jaalala Waaqayyoon yoo jiraate dha. Haa ta‘u malee jiraachuu Waaqayyoof wabii barbaaduun beekumsa sammuu yoo ta‘e malee amantii laphee keessaa akka hin taane beekuu barbaachisa.Beekuu yoo barbaanne akka Waaqayyoo beekamuu kan barbaaduu fi Waaqni dhihoo hin jiru.Sababni isaa inni waaqa keenya yeroo ta‘u ,karaa hundumtuu nuuf mijachuu eegala.Waa‘ee Waaqayyoo beekuu kan dandeenyu karaa mul‘ataa qofaan. Mul‘ata malee Waaqayyoon beekuun waan hin dandaa‘amneef.
Mul’ata Waaqayyoo (The Revelation of God)
Waa‘ee mul‘ata Waaqayyoo yeroo yaadnutti Waaqayyo ofii isaa namootatti mul‘isuu barbaachisaa ture. Waaqayyoo ofii isaa dhala namaatti haala inni ittiin mul‘ise akkuma armaan olitti ilaalleen karaa adda addaa ture.Waaqayyoo ofii isaa dhala namaatti kan mul‘iseef sababoota gurguddoo lamaan armaan gadiitiif ta‘uun kan dagatamu miti.
A.Waaqayyo waaqa daangaa hin qabne;eenyu illee bira gahuu kan hin dandeenye ,waaqa guddaa waan ta‘eef
B.Dhalli namaa cubbuu hojjechuu irraa kan ka‘e Waaqayyo irraa fagaatee waan jiruuf, Waaqayyo immoo qulqulluu waan ta‘eef dhalli namaas isa bira gahee hubachuu waan hin dandeenyeef Mul‘ata jechuun gabaabatti Waaqayyoo dhala namaatti ofii isaa, yaada isaa, amala isaa, fedha isaa ,hojii isaa … karaa itti beeksise mul‘ata ( Revelation) jedhama. Mul‘atin Waaqayyoo karaa lamaan.
1. Mul’ata Waliigalaa (General Revelatio)
Kan jedhamu bakka hundumaatti kan argamu sanyii namaa hundumaatti ofii isaa ifa godhee kan ittiin beeksise dha. Mul‘atin waliigalaa kan hundeeffame uumamaa fi Waaqayyo dhala namaa wajjin walitti dhufeenya inni qabu irratti. Mul‘atin waliigalaa yaadni Waaqayyoo taateewwan uumamaa, seenaa, sammuu dhala namaa fi yaaliiwwan keessatti wanta hubannu dha.
A. Uumama (Nature) :- Far. 19:1-6 ― Bantiiwwan waaqaa ulfina waaqayyoo himaa jiru,guyyaan guyyaa isa itti aanutti kana in dabarsa, halkanis halkan isa itti aanutti waa‘ee kanaa in beeksisa,..‖, Roome 1:18-32,Hoe.14:17, 17;26-27, Uumama 1:1-30.
B. Beekumsa/Sammuu dhala Namaa (Human Conscience):-Waaqayyo hojii isaa, fedha isaa, mul‘ata waliigalaa kessatti karaa ibsee keessaa tokko sammuu namaatiin. Dhala namaa hunda keessa sammuun yaadu jira. Sammuu yaaduu yemmuu jennu Waaqayyo yeroo uumetti waan gaarii ta‘e qofa akka filatuuf Waaqayyo yeroo dhala namaa uumee kan inni keessa isaa kaa‘e dha. Dhalli namaa sammuu yaadu qabaachuu isaa irratti erga walii gallee , waa‘ee seera Waaqayyoos sammuu isaa keessaa akka qabu Macaafni qulqulluun , Rom 2:14-15 irratti in ibsa. Seerri sammuu namootaa keessa uumamaan jiru kun waan hundumaa kan kenne hundaa ol kan ta‘e tokko akka jiru in ibsa. Seera kana sammuu namaa keessa kan kaa‘ee namnis seera kanaaf akka gaafatamu beeksisa. Dhugaan kun egaa Waaqayyo karaa sammuu namootaa mul‘achuu isaa lafa kaa‘a.
C. Seenaa ( History) :-Waaqayyo karaa ofii isaa itti karaa mul‘ata waliigalaa mul‘isee keessaa tokko karaa seenaa ti. Kara seenaa namoota biyya lafaa mul‘atin Waaqayyoo argameera. Isaanis: o Ka‘umsaa fi Kufaatii Moototaa:- Sagaleen Waaqayyoo Roomee 13:1-2 akkas jedha,‖ namni hundinuu warra biyya bulchuudhaaf aboo qabaniif haa abboomamu! Fedha Waaqayyoo malee aboo qabaachuun hin dandaa‘amu;warra aboo qabatanis Waaqayyotu achi isaan dhaabe. Kanaaf namni aboo kanaaf abboomamuu didu,waan Waaqayyo dhaabeen in morma;warri kana godhanis firdii of irratti in fida.‖ Kanaafuu aboon Waaqayyo malee hin argamu erga ta‘ee, mootonni ka‘anii kufan marti yaada Waaqayyoo ala hin turre jechuu dha.Baroota keessatti hojiin moototaa hundi harka Waaqayyoo keessa ture yemmuu jennu, Waaqayyo hundaa ol aboo qabeessa akka ta‘e hubanna. Hundaas kan to‘atu isuma.Macaafa Qulqulluu keessaa Dan.4:32, Hoe.17:26, KeesDeb.32:8, Far.75:7,Waaqayyo seenaa dhala namaa keessatti osoo addaan hin kutin akka to‘ataa ture dha. Armaan gaditti immoo haala itti Waaqayyo bara namootaa keessatti qooda fudhachuun to‘achaa ture kan ibsu ilaalla. Isaanis;
1. Seenaa warra Gibxii yoo ilaallu Waaqayyo akkamitti keessa seenee qooda akka fudhatee fi to‘ate argina Ba‘u.9-12, Rom.9:17,Erm.46:14-26, His.29-30.
2. Bittaan warra Sooriyaa Waaqayyo akka kufu godheera Isa.10:12,19, Erm.50:1-16, His.31, Nah.3:1-7.
3. Warra Baabiloon irratti Firdii Waaqayyo fide Dan.1-5,Erm.50-51,Isa.47-48,45:1-5
4. Meedonii fi Faares irratti firdii ta‘e Isa. 44:24-45, 45;1-7, Dan.2:7
5. Bittaa warra Girikootaa irratti Firdii ta‘e Dan.8:1-25, 11:1-35
6. Ka‘umsii fi kufaatiin Roomaa Waaqayyoon akka ta‘e Dan. 7:7-23, 9:24-27
D) Soora Waaqayyoo ( Provision of God) :-Mul‘ati walii galaa Waaqayyo akka sooru ta‘ee mul‘ateera. Waaqayyo in soora yoo jennu, Waaqayyo uumaa isaa osoo addaan hin kutin in eega, in kunuunsa, utubees qaba jechuu keenya. Far.104:24-30, Mat.5:45, Hoe.14:17.
E) Miira waaqeffannaa namootaa (Religionism Mentality):- mul‘ata waliigalaa keessatti haala itti Waaqayyo ofii isaa mul‘ise keessa tokko miira waaqeeffannaa namootaatin.Nama kamiyyuu keessa miirri Waaqeffannaa jira jechuun wanti isaa ol ta‘e tokko akka jiru hubachiisa.
Mul‘ata waliigalaa keessatti seenaa keessatti yeroo ilaallu wanti dagtamuu hin qabne, bara namoota keessatti , muudamuu fi buufamuun , gogiinsii fi magariis, bonaa fi ganni, akkasumas jireenya nama dhuunfaa keessatti wantoota raawwataman seenaa darban qo‘achuun faayidaa guddaa qaba. Hoe.17:24-28, Dan.2:21
Mul’ata Waliigalaa ilaalchisee namoota garaa garaatiin yaada ka’an Mul’ata waliigalaa ilaalchisee garee amantii baay’een ejjennoo garaa garaa adeemsisaniiru.Isaanis:
a. Pelegiiyaanota:isaan kun mul‘atin walii gala yeroo ammaa kana illee dhala namaaf waan barbaachisu ni kenna jedhanii mormu.Amantiin Pelegiiyanota , ilaalchi isaanii bara 400 kan jiraatee kan ture Phaalaagiyoos kan jedhamu Moloksee biyya Ingilizii kan ture dha yaada kana kan maddisiise.Barsiisa isaa keessattis cubbuun dhaalaan dhufu hin jiru jedhee ganaa ture; fayyina barabaraa ilaalchisee immoo ejjennoo inni qabu ture namni dandeettii isaatiin fi tattaaffii godhu qofaan ayyana Waaqayyoo argachuu danda‘a jechaa ture. Kana irraa kan ka‘e akka barsiisa sobaatti bara 1017 balaaleffatameera.
b. Deeyistoota:- isaan kunis akka warra Pelegiiyanotaa mul‘atin walii gala yeroo ammaa kana illee dhala namaaf waan barbaachisu ni kenna jedhanii in amanu.
c. Raashinaalistoota: isaani kunis akkuma Deeyistootaa fi Pelegiiyaanotaa mul‘anni waliigalaa yeroo ammaa kana dhala namootaa fayyisuuf ni gargaara jedhu. Raashinaalistootni dhugaa beekamuu kan danda‘u Waaqayyo ofi beeksisee osoo hin taane yaalii sammuu dhala namaa tiin kan jedhu amanu.
d. Pirotestaantota, Ortodoksoota, Kaatolikoota:-yaadni garee amantii kanaa immoo kan kanneen olitti ibsamanii irraa adda.Mul‘atin Walii gala yeroo ammaa kana namoota gara fayyinaatti fiduuf gahaa miti jedhanii mormii isaanii dhiyeessu. Sababa isaa immoo akka itti aanuutti kaa‘u.
Cubbuun Mul‘ata Waliigalaa fi dandeettii fudhanaa namaa jijjiirera kan jedhu dha. Jalqaba namni yeroo cubbuun gufetti nama qofa osoo hin taane kan bu‘aa isaa dhandhame uumama hundaa tuqeera waan ta‘eef , uumamni hanga fedhe waa‘ee Waaqayyoo agarsiisan illee , ulfinni Waaqayyoo hanga eegamu ibsuu hin dandaa‘an.Akkasumas ija afuuraa namaa cubbuu irraa kan ka‘e arguu waan hin dadeenyye, dubbii afuuraa, uumama irraa qofa ulfina Waaqayyoo arguu hin danda‘u. Hinumaayyuu jireenya faallaa ta‘e jiraachuu eegaleera. Yoh.1:5, Rom.1:18-25, Efe. 4:18. Qol. 1:13, 1Yoh.2:9-11.
Mul‘atin Walii galaa waa‘ee Waaqayyoo wanta amanamuu danda‘u dhugaa waan ta‘e tokko dabarsuu hin danda‘u jedhu.
Mul‘atin Walii galaa amantii uumuu hin danda‘u; sababni isaa seenaa keessatti amantiin tokko mul‘ata walii gala irratti qofa kan ijaarame akka hin taane hubanna.Warri ormoonni illee , amantii waaqa tolfamaa kan dhaaban waaqa keenyutu nuuf mul‘ise jechuun , kunis mul‘ata addaa ti.
Mul‘ata Walii gala keessatti waa‘ee Waaqayyoo arjummaa isaa, uumaa ta‘uu isaa, hundaa danda‘uu isaa, ogummaa isaa , humna isaa beekumsa muraasa argachuu dandeenya garuu Kiristoosiin beekuu hin dandeenyu.
II. Mul’ata Addaa ( Special Reveletion)
Mul‘ata addaa jechuun Waaqayyo karaa adda ta‘een bakkaa fi yeroo murtaa‘e tokko keessatti namoota muraasatti karaa inni itti ofii isaa agarsiise dha. Mul‘anni addaa Mul‘ata Walii gala caalaatti ifaa dha. Waaqayyo karaa itti ofii isaa agarsiisu keessaa tokko karaa mul‘ata addaa ti.Karaawwan Mul‘ata Addaa :
1. Karaa Yesuus Kiristoos (Through Christ): Waaqayyo karaa uumamaa, sammuu dhala namaa, seenaa fi sooraa ta‘ee Mul‘ata Waliigalaa keessatti ofii isaa yeroo mul‘isu ilaaluun keenya ni yaadatama. Mul‘atin Waliigalaa kun immoo dhala namaa hundaaf eenyummaa Waaqayyoo guutummaa guutuutti ibsuuf gahaa hin turre. Kana irraa kan ka‘e Waaqayyo ofii isaa karaa ilma isaa gooftaa Yesuus namootatti beeksisuu fedhe.Yesuus Kiristoos amala fi hojii Waaqayyoo agarsiisuuf gahaa tahee mul‘ate.Kanaaf Yesuusiin arguu jechuun Waaqayyoon arguu jechuu dha.Macaafni Qulqulluun akkas jedhee dhugaa nuu baha (Yoh.1:14) ― Sagalichi nama foonii ta‘ee ,nu gidduus buufate.‖ Akkasumas Qol.1:15, Yoh.14:8-10, Ibr.1:1 , Yoh.1:1 dubbisuun in dandaa‘ama.
2. Macaafa Qulqulluudhaan (Within the Bible/Scripture) :-Macaafa Qulqulluu keenya akka ta‘utti osoo qo‘annee ilaallee Yaada,fedha,kaayyoo Waaqayyoo isa barabaraa , hojii Waaqayyoo fi kkf argachuu dandeenya. Yaadota Macaafa Qulqulluu keessatti caqafaman osoo hubannee yaad Waaqayyoo hubachuu dandeenya. Macaafa Qulqulluu sirriitti yeroo qo‘annu isa keessatti waan barreeffan arganna. Kanneen keessaa Waaqayyo akkamitti akka mul‘ate argina. Isaanis Waaqayyo akkamitti Kiruubel irra akka jiru Far.80:1, 99;1, ibiddaa fi hurrii keessa Uum.15:17, Ba‘uu 3:2, 19:9, 16-18, 33:9, Far.78:14, 99:7, bubbee hamaa keessa Iyoob 38:40, Far.18:10-16, callisaan, sagaleen 1Mot.19:12 kutaawwaan kunniin Waaqayyo saba isaatti akkamittiin gabajaan ofii isaa mul‘ise kan ibsan dha.
3. Quunnamtii kallattiin (By direct relation) :- Waaqayyo yaada isaa , fedha isaa isa barabaraa namootaatti kallattiin dabarseera. Isaanis:
Sagalee dhagaahamu dubbachuun Uum.2:16,3:18-19, 4:6-15, 9:1, 8:12, 32:26, Ba‘uu 19:9, KeessDe.5:4-5, 1Sam.3:4.
Carraan, Tumiimii fi Uuriimi fedha isaa ibsuun 1Sam. 10:20-21, 1Seenaa24:5-31, Ba‘uu 11:1, Lak. 27:21, Keess Deb. 33:8
Abjuun:- Lakk.12:6, Keesdeb. 13:1-6, 1Sam.28:6, Iyoob 2:28, Uum. 20:3-6, 31:24,40:5, 41:1-7, AbFir.7:13
Mul‘ataan: Isa.6:21;2-10, His.1-3, 8-11, Dan.1:17,2:19, Amos 7-10
4. Dinqiidhaan (By Miracle) : dinqiin seera uumama olitti ykn alatti kessa galumsa Waaqaatiin kan raawwatamu dha. Waaqayyo dinqii isaatiin humna isaa, guddummaa isaa, eenyummaa isaa agarsiiseera. Fakkeenyaaf:
Warra Gibxi irratti rukkuttaa raawwateet .( KeDeb.4:12)
Galaana Diimaa yeroo addan hiru( Ba‘uu 14:15).
Kattaa keessaa yeroo bishaan baasu ( Ba‘uu.17, 1Qor.10:1-6)
Galaana Yordaanos yeroo addaan hireetti dinqii hojjeteera.
Kiristoosii fi Bartoota Yesuusin tajaajila ta‘e keessatti dinqiiwwan hojjetaman turniiru. Mat. 4:8,9 Mar. 1:2,3,4, Luq.4:5,6, Yoh. 2:4,5,6,9 Hoe.3,5,8,9 5. Raajiidhaan (By Prophecy) :-raajiin gosa lama yoo ta‘u tokko lallaba wangeelaan kan darbu yoo ta‘u, inni lammaffaa ammo gara fuul duraatti haala jiru irratti kan xiyyeefatu dha.Kanneen keessaa waa‘ee moototaa fi Yesuus ilaaluu dandeenya.
Waa‘eenkufaatii moototaa afaan raajotaatiin Waaqayyo akka dubbatetti raawwatameera.
a. Kufaatii Asoor His. 31
b. Waa.Kufaatii Baabiloon Isa. 47-48 fi Erm 50-51 irratti raajameera.
c. Kufaatii Gibxii His. 30-31.
d. Kufaatii mootummaa Girikii Dan.
8 raajamee ture.
Waa‘ee dhufaatii Kiristoos raajiwwan dubbataman. Waa‘ee Kiristoos raajoonni dubbataman gara 300 tti kan dhiyyatu ture baay‘ini isaanii.Kanneen keessaa baay‘een isaanii yeroo Kiristoos lafa irra fooniin turetti raawwatamaniiru.Raajiiwwan kunniin naannoo waggoota 1000 keessatti Raajota garaa garaa tiin kan dubbatamanii turani dha. Kiristoos dubartittii irraa akka dhalatu Uum.3:15, Isa.7:14, Matt.1:20-23, Kiritoos qomoo Abraam keessaa akka dhufu Uum.12:1-3, Matt.1;1, Kiristoos gosa Yihuudaa keessaa akka dhufu uum.49:10, Ibr.7;17,Kiristoos Betelem yihudaatti akka dhalatu MIk.5:2, Mat.2:6,Kiristoos namoota akka fayyisu Isa. 53, Mat8 , Kiristoos harree irra taa‘ee gara Yerusaalem akka dhufu Zak.9:9, Matt.21:4—5, Kiristoos Qarshii 30n akka gurguramu Zak.11:12-13, Matt. 26:15,27:9, Kiristoos fannoo irratti akka gidiramu Far.22 , Isa53, Matt.27, Kiritoos du‘aa akka ka‘u gara samiittis akka ol fudhatamu mirga abbaas akka taa‘u Far.16, 110, Matt.22:43-45
6. Muuxannoo namoota dhuunfaa keessatti (By personal Experience) :- Macaafa Qulqulluu keessatti jechuun Kakuu Moofaa fi Kakuu Haaraa keessatti namoonni garaa garaa jiru kan hojii Waaqayyoo keessatti qooda fudhatan.Namoonni kun bakka garaa garaa turan haa ta‘uu malee bakka jiranitti hojii Waaqayyoo keessatti Waaqayyo waan shaakalsiise qaba.
Kakuu Moofaa Keessatti
Heenok Adeemsa isaa Waaqayyoo wajjin godhate (Uum.5:2-24)
Nohi Adeemsa isaa Waaqayyoo wajjin godhate ( Uum.6:9.13)
Waaqayyo Yisihaaqitti ofii isaa mul‘ise ( um.26)
Waaqayyo Yaaqoobitti ofii isaa mul‘ise (Um.28:13,35)
Waaqayyo Yooseefitti ofii isaa mul‘ise (Uum.37:5-11)
Waaqayyo Museeitti ofii isaa mul‘ise ( Ba‘uu 3:1-5)
Waaqayyo Geediyyontti ofii isaa mul‘ise( Abb. Fir.6:28)
Waaqayyo Saamu‘eelitti ofii isaa mul‘ise(1Sam.3:2-4)
Waaqayyo Daawwititti ofii isaa mul‘ise( 1sam.23:2-3)
Waaqayyo Isaayaasitti ofii isaa mul‘ise (Isa.6:8)
Waaqayyo Ermiyaaitti ofii isaa mul‘ise( Erm.1:1-)
Continue Reding