Barsiisa Afuura kirstaanaa

Barumsa Afuuraa Kiristaanaa (Christian Theology)

A) Macaafni Qulqulluun eessaa dhufe? (Source of Scripture)

Macaafni Qulqulluun burqaan isaa Waaqayyoon ta‘uun wal hin gaafachiisu.Sababni isaa Waaqayyo beekee karoorsee dhalli namaa jireenya isaa akka itttiin geggeefatuuf , akkamittis waaqaa wajjin walitti dhufeenya uumuu danda‘us akka horatuuf akkasumas lubbuu isaatiif of eeggannaa gochuu akka danda‘uuf Macaafa Qulqulluu kana qopheesseef.Kanaafuu burqaan isaa Waaqayyo dha jechuu dha. Barreessaan isaa inni jalqabaa Hafuura Qulqulluu dha namoota filatetti fayyadamuun, naanno namoota 40.Isaanis kaan Raajota,kaan mootota,kaan warra aboo qaban , kaan hakiimota, kaan immoo hiyyeesota , kaan tiksee horiiti,kan baratanii fi hin baranne illee keessa jiru.Kun mataan isaa hiikaa guddaa dha.Kunis kan baratan waan baratan caafan yoo jenne kan hin barati immoo barreessuu hin danda‘an ture garuu barreesaniiru.Kana jechuun waan hundumaa kan geggeessu humni wahii isaanii wajjin ture jechuu dha.Wanti humna qabeessi kun egaan Hafuura Qulqulluu ture jechuu dha. Karaa biraatiin immoo mootota gad buusee kan hi baratin barsiisee akka barreessan gochuun alatti, ergaa isaan hubachuu hin dandeenye illee karaa isaanii akka darbuu fi barra‘uu godheera Hafuurri Qulqulluun.Kunis burqaa isaa isaan akka hin taane dha( 1phex.1:10-12).

Kanneen barreessan kunniin hojii garaagaraa irra akka turan yoo ilaallu: Amoos Tiksee ture,Iyyaasuun immoo dura bu‘aa ykn ajajaa waraanaa ture,Luqaas ogeessa fayyaa ture, Daani‘el Muummee ministeeraa ture,Daawit Nugasa ture,Phexroos homaa kan hin baranne ture, Phaawuloos immoo beekumsa guddaa yeroo sana nama qabu yoo ta‘u akka yeroo ammaatti Piroofesera waliin walqixa kan ta‘u ture. Hundumti isaanii garuu kaayyoo tokkoof to‘annoo Hafuura Qulqulluu jalatti geggefamu turan. Kana jechuun immoo Hafuurri Qulqulluun fedhaa fi yaada isaa malee itti fayyadame jechuu miti; fedha isaanii garuu akka dogoggora itti hin dabalee eegee jechuu dha.Akkasumas akkataa Afaan isaanitti , akkaataa aadaa isaanitti fi haala dandeettii isaanin akka barreessan godheera.

B) Macaafni Qulqulluun namoota garaagaraatiin barreefamee akkamitti haala har’a jiruun argachuu dandeenye?

Gaaffiin kun murteessaa fi kan deebi‘uu qabu dha.Sababni isaa Macaafni Qulqulluun kan caafame namoota garaagaraa kan bakka garaagaraa turaniin yoo jedhamu akkamiin haala har‘a jiruun qindaayee argachuu dandeenye? Gaaffii jedhu xinxaluun faayidaan isaa kan wal hin gaafachiifnr waan ta‘eef. Dhugaa dha barreesitootni kunniin walk an hin beekne,biyya adda addaa, bara adda addaa,umrii adda addaa,aadaa adda addaa keessa kan turan fi afaan isaanii illee addaa adda ture.Egaa akkamiin Macaafni Kun haala kanaan qindaa‘uu danda‘e?

Haala Macaafa Qulqulluun itti walitti qabamuun qindaa’e

1. Geggeesaa hafuura qulqulluutiin

2. Barbaacha abootii amantii duriitiin

3. Qo‘aa lafa jalaa Arkiyooloojiitiin

4. Qo‘annoo fi qorannoo Saayintistootaatiin

5. Akka carraa namoota garaa garaatiin

Xiqqoo isaanii bal‘inaan yoo ilaallu:

Qotiinsa Arkiyooloojiitiin meeshaa garaagaraa irratti barreeffamni barra‘an argamaniiru.Fakkeenyaaf, Biraannaa irraatti, suphee irratti, girgiddaa irratti, akkasumas dhagaa irratti kan barreefaman bosona keessaa ,waldaa amantaa keessaa argachuun dandaa‘ameera

Waraabbiiwwan jalqabaa kan barreeffaman afaan sadiin yoo ta‘u isaanis: Afaan Girikii, Afaan biroon lamaan immoo afaanota hin beekamne turan. Saayintistooni afaan Girikii fayyadamuudhaan afaanota hin beekamne kanniin dubbisuu dandaa‘aniiru.Saayintistoonnii fi Qorattoonni Arkiyooloojii osoo hin hafin hojii Waaqayyoo keessatti hirmaataniiru;itti yaadaniis haa ta‘u osoo hin yaadin ,amananiis haa ta‘u osoo hin amanin sassabbii barreeffama Macaafa Qulqulluu keessatti qooda fudhataniiru.Akkasumas namoonni biroon akka tasaa Waaqayyoof garuu karooraan barreeffa addaa argataniiru.Fakkeenyaaf:

Bara 1974 A.L.A tti ‗ Mut Baahir‘ jedhamuun iddoo beekamu tti tikseen biyya Arabaa tokko re‘een duraa baddee osoo barbaachhuf dhagaa darbatuu gaanii tokko rukutee ,sagalee dhagahuun tikseewwan Yihuudotaa lama isaa wajjin turan waliin gara qilee keessa yoo seenuun ilaalan Biraannaa irratti kan barreeffame waa‘ee raajii waa‘ee Yesuus ,Faarsaa Daawwit, Macaafa Keessa deebii fi Macaafa Seera Uumamaa argachuu dandaa‘anii turan. Kana keessatti dhugumaan Waaqayyootu saba isaatti fayyadamuun barreeffamni Macaafa Qulqulluu

akka qindaayee nu bira haala kanaan akka gahu godhe.Sagaleen isaa burqaa waa hundaa keenyaa ta‘e. Macaafni Qulqulluun jalqaba Afaan Ibiraasxiitin fi afaan Girikiin kan barreeffame yoo ta‘u booda gara Afaanoota Laatiinii, Ingilizii fi Jermanii fi afaanota birootti hiikameera. Bara 1526tti Wiiliyaam Taayidaal nama jedhamuun yeroo jalqabaatiif gara Afaan guddateetti jijjiirame.Kanaa booda bara 1611 mooticha Yaaqobiin hiikame.Hiikni Kunis ‗Hiikaa Mooticha Yaaqob‘ ykn King James Version (KJV) kan jedhamu ture. Har‘a garuu afaanota addunyaa hundaan hiikameera hanga jedhamutti Macaafni Qulqulluun hiikamaa jira.

C) Ulaagaalee Qanoonaa Macaafa Qulqulluu( Biblical Canons)

Kanoonaa jechuun ulaagaa jechuu yoo ta‘u kunis ulaagaa Macaafa Qulqulluu jechuu dha. Karaa biraatiin kutaan Macaafa Qulqulluu tokko kan biraa wajjin yoo ilaalamuu Macaafa Qulqulluu dha jedhamee fudhatamuuf ulaagaa ittiin ilaalamuu dha. Ulaagaleen kaa‘amanis:

1. Mul‘ana Waaqummaa mul;isee agarsiisuu yoo danda‘e.

2. Dhuga bahumsa Hafuura qulqulluu yoo qabaate

3. Abootiin amantii duri turan fudhataniiru yoo ta‘e.

4. Ulaagaalee kanoonaa yoo darbe, jechuun baroota amantii keessatti wal gahii dhimma kanaaf taa‘ame keessatti kamitu sirritti Macaafa Qulqulludha kamitu sirrii miti kan jedhutu ture. Kana keessaatti kanneen sirriitti sagalee waaqayyoo ti jedhamanii fudhataman 66 macaafota Macaafa Qulqulluu keessa jiran qofa akka ta‘e mirkanaa‘era.

Gaaffiilee Kanoonaa keessatti gaafataman

Macaafa Qulqulluu bakka gurguddaa lamatti hiruun ilaaluun in dandaa‘ama. Kutaawwan kunnins Kakuu Moofaa fi Kakuu Haaraa jedhamu. Kakuu Moofaa keessatti macaafota 39 tu argamu ijoo kan ta‘an. Kakuu Haaraa keessatti immoo macaafota 27 tu argamu. Ammas Kakuu Moofaan bakka gurguddo afuritti yemmuu hiramu isaanis:

1. Macaafota Seera Musee

2. Macaafota Seenaa

3. Macaafota Ogummaa

4. Macaafota Raajii yoo ta‘an

Kakuu Haaraanis bakka gurguddoo afuritti hiramu; isaanis

1. Wangeelota arfan

2. Macaafa Seenaa

3. Ergaawwan

4. Macaafa raajii (Mul‘ata)

E) Aboo Macaafa Qulqulluu

Macaafni qulqulluun Sagalee Waaqayyoo waan ta‘eef akkuma isaa aboo akka qabu shakkii hin qabu. Yoh. 1;3 sagalee isaa fi abbaa sagalichaa adda baasnee ilaaluu hin dandeenyu. Kana waan ta‘eef sagalichi waan jedhu yeroo raawwatu argina. Seera Um.1:1-31 sagalichi waan jedhu osoo hin raawwatin kan hafe tokko illee hin jiru. Kanafuu aboo Macaafa Qulqulluuf burqaansaa Waaqayyoo dha jechuu dha. Kana irraa ka‘uun Macaafni Qulqulluun :

1. Dirqama barbaachisaa dha:-sagalee osoo hin beekni gara Waaqayyoon beekuuttis ta‘e gara fayyinaatti dhufuun waan hin dandaa‘amneef.

2. Guutuu dha ( Fayyina lubbuuf waan guutuu ta‘e kan qabate) dha.

3. Dogongora tokko illee hin qabu.

4. Ifaa dha ( eenyu illee hubachuu kan danda‘u dha.

5. Kan jedhameef hunda in raawwata ; Far.33:6-9.

a. Samii utubaa malee dhaabera : Uum.1:5-8

b. Ardii baattuu tokko malee diriirseera:Uum.1:1-2:9-10.

c. Uumama hundaa waan hinjirre irraa fidee uumeera:-jechuun biqiltoota,bineensota , gaarota,dachaa ,bokkaa, halluuwwan garaagaraa( biqilootaa, kan bineensotaa), qilleensa(Har‘a Hospitaalota keessatti gatii guddaan kan gurguramu), pilaaneetoota(15 akka gahan in dubbatama) , ifaa fi dukkana akkasumas dhala namaa dabalatee (biyyee irraa yeroo tolche foonii fi dhiiga eessaa akka fide) waan hundumaa kan hin jirre irraa gara jireenyaatti kan fide dha. Uuma.1:1-30,Far.33:6-9.

6. Jireenya kenna ; Luq.8:15, Yoh.4:4, Hoe.2:41 ,4:4, 17:11.

7. Kan du‘e du‘aa kaasa;kan dhukkubsate in fayyisa ; Mat.8:16-17.

8. Dhiifama cubbuu argamsiisa ( Gooftaa wajjin riqicha ittiin walquunnamnu dha) Mat.26:28, Yoh. 1:12.

9. Hafuura isaa fida; Hoe.10:44, 1Tas. 1:6.

10. Miilla keenyaaf ibsaa, arraba keenyaaf mi‘aawwaa, beela keenyaaf quufa, dadhabina keenyaaf jabina , jireenya keenyaaf geggeessaa, dogongora keenyaaf sirreessaa, fuula keenyaaf ilaaltuu, waluumagalatti fayyina keenyaaf bu‘uura.Far.119:105,Mar.16:20,2Xim.2:11,4:2, Tiitoo 3:8, Yaakob 1:22-23.

Aboon Macaafa Qulqulluu burqaan isaa Waaqayyoo dha.kana kan fakkaatu , waan addaa kan ta‘e,gatii kamiin iyyuu bituu kan hin dandeenye , meeshaa gati jabeessa irra kan caalu, xalayaa jireenyaa Waaqayyoo biraa akka fedhaa fi karoora isaatti namootaaf kan kennamee dha ykn mul‘ate dha.Kana ibsuuf jechoota sadii kan addaan hin baanne ibsa dhufaatii Macaafa Qulqulluu kan kennaan.

1) Mul‘ata Waaqummaa (Revelation):-mul‘atin Waaqayyoon kan ta‘e dha.Tiitoo1:3 kana jechuun Waaqayyo biraa akkaataa Macaafni Qulqulluun gara namootaa dhufe kan ibsu dha.Kanaafuu Mul‘atin Waaqayyyo mataa isaatiin kan raawwatame yoo ta‘u, gaheen namaa fudhachuu qofa jechuu dha.Sagaleen isaa adeemsa kanaan mul‘ate.Haa ta‘u malee Mul‘atin kan barbaachiseef sagaleen isaa akka barreeffamuuf waan ta‘eef , erga sagaleen isaa barreeffamee xumuramee booda mul‘atin hin barbaachisu jedhanii kan amanan jiru. Garuu mul‘atin karaa biraatiin haala Waaqayyo dhala namaatti ofii isaa beeksisuu waan ta‘eef har‘as ta‘u dhalli namaa Waaqayyoon beekee waan hin dhaabneef , mul‘atin raawwateera jechuun nama dhiba.

2) Guutama mul‘ataa qabaachuu (Inspiration) :- kun immoo sagalee mul‘ate haala ittiin guutaman kan ibsu dha.Kana jechuun Hafuura Qulqulluun guutamanii , geggeffamniis haala ittiin barreessan kan ibsu dha.Karaa biraatiin haala itti mul‘atichi keessa isaanii seene kan ibsu dha.

3) Hubannoo qabaachuu (Illumination) :-kun immoo sagalee mul‘ate karaa itti hubatan kan agarsiisu dha.kana jechuun geggeessaa Hafuura Qulqulluutiin sagalee kana jechuun akkas jechuu dha jechaa haala itti hubatan kan ibsu dha.

Kutaa Sadii Waaqayyoon Beekuu (Understanding God)

Barabaraan gaaffilee ka‘an keessaa tokko jiraachuu Waaqayyoo tiin kan wal qabate dha.Haa ta‘u malee Waaqayyo jiraa? Gaaffii kana yaada keessa galchuun jiraachuu Waaqayyoo akkamitti beekuu dandeenya? Kan jedhu itti dabaluun qo‘annaa itti fufna.Jiraachuu Waaqayyoo ilaalchisee namoota garaagaraatiin haala beekumsa godhataniin waan kaa‘an akka itti aanuu ti dha.Kanneen kun Falaasfota amantii qabantu falmii jiraachuu Waaqayyoo irratti odeeffannoo kaa‘u.

1) Dhuga bahumsa Sammuu (Ontological Argument):-dhuga bahumssi kun kan xiyyeeffatu murtee sirrii fi gaarummaa irratti.Kana jechuun namni kamiyyuu murtee dhugaa fi gaarummaa gochuu barbaada. Gaarummaan kun immoo Waaqayyo irraa kan dhaalaman.Kana irraa ka‘uun Sammuun namaa ibsa Waaqayyoo ti jedhu.

2) Falmii Sababaa fi Bu’aa (Cosmological Argument) :-addunyaa kana irra kan jiran marti sababa ykn ka‘umsa kan qaban dha;karaa biraatiin jiraaachuu wantoota birootiif sababa kan ta‘e Waaqayyoo dha jechuu dha.

3) Seera Uumama irratti Mul’atu (Teleological Argument):-akkaataa falmii kanaatti immoo adeemsa uumamni toora isaanii eeggatanii godhan ilaaluun namni tokko jiraachuu Waaqayyoo salphaatti hubachuu danda‘a kan jehu dha.Fakkeenyyaf , bahaa fi lixa biiftuu, darabee bonaa fi gannaa, dhihuu fi bariyuu, toora halkanii fi guyyaa namni hubate kanneen kan toora galchee kaa‘e uumaan jira jedhee hubachuu danda‘a.Uumaan kun immoo Waaqayyoo dha yaada jedhu dha.

4) Falmii haala Uumama namaa (Anthropological Argument/ Moral Argument):-inni kun immoo dhala namaa keessa kan jiru yaada sammuu addaa irratti. Ilaalcha kana yeroo ibsu namoonni hojii gaarii yeroo hojjetan,murtii sirriif yeroo falman argina.Dandeettii kana sammuu namaa keessa kan kaa‘ee Waaqayyo dha;Waaqayyo immoo burqaa waan gaarii hundaa ti jedhanii kan amanan dha.

5) Falmii Saayinsaawwaa ( Biological/ Scientific Argument):- Baayooloojiin saayinsii waan ta‘eef waa‘ee uumamaa kan qo‘atu dha.Kunis uumamni hundinuu lubbuu waan qabu tokko irraa kan dhufe dha jedha.Saayinsiin kun deemee deemee dhuma irratti uumaa waan hundaa kan ta‘e Waaqayyoon agarsiisa jechuu dha.

6) Falmii Waa’ee Kiristoos (Christological Argument) :-kun immoo haala Yesuus Kiristoos itti dhalate iyyuu hojii dinqii Waaqayyoo kan agarsiisu dha kan jedhu dha.

7) Ibsa Macaafa Qulqulluu (Proof of Scripture):-Macaafni Qulqulluun Waaqayyo jiraachuu fi dhiisuu irratti waan dhibamu miti;kana irraa ka‘uu Waaqayyo jira jedhee hin jalqabu.Bakka kana jechuun jalqabu, hojii dinqii Waaqayyoo fi Waaqayyo jalqaba samii fi ardii uume jechuun jalqaba. (Uum.1:1).

Jiraachuu Waaqayyoo ilaalchisee baroota keessatti namoonni garaagaraa yaada garaa garaa kaa‘anii turan. Isaan keessaas:

1. Pilaatoo ( Plato)-akka amantii fi ibsa Pilaatootti Waaqayyo jechuun burqaa yaada barabaraa fi waan gaarii ta‘e hundaa ti.

2. Kaanti ( Kant) -kaantiif immoo Waaqayyo jechuun burqaa uumama hundaa fi gochaa ti.

3. Aristootil( Aristotle)- Aristootiliif Waaqayyo jechuun bu‘uuraa fi jalqaba uumama hundaati.

4. Maatiiwu Aarolid (Matthew Arold) –Maatiiwuuf immoo Waaqayyo jechuun qulqullinaaf kan fedhii addaan hin cinne dha.

5. Heegel ( Hegle) –Heegeliif Waaqayyo jechuun hafuura sirritti qullaa‘e dha.Haa ta‘u malee hubannoo fi dandeettii namootaan yoo in kaafamne kan of hin beekne dha.

6. Ispiinoozaa ( Spinoza)- Ispiinoozaaf Waaqayyo jechuun qulqulluu ta‘ee lubbu qabeessa hundaaf argama dhugaa fi ka‘umsa jalqabaa ti.

7. Fiichee( Fichte) –Fiicheef Waaqayyo jechuun uumama ardii irra jiran hundaa fi lubbuu keessatti sirriitti kan hojjetu dha.

8. Waaqa Warra hin qabne(Pagans) –akka warra kanaatti Waaqayyo jechuun fillannoo mataa isaa kan hin qabne jechuu dha.Warri kun waluumaa galatti Waaqayyo hin jiru jedhanii amanu.

9. Aadaawwan tokko tokko:-akkaataa ilaalcha aadaa tokko tokkooti Waaqayyo jechuun humna qofa ykn afuura qofa jedhanii amanu.




Continue Reding