OromoBibleStudy

You Can Learn Any Thing For Free

Furtuu Kakuu Haaraa (New Testament Survey)


Hirama Macaafichaa

Boqonnaa 16 kan qabu yoo ta’u bakka gurguddoo 4ti hirame

1. Tajaajilicha beeksisuu Mar 1:1-13

2. Hojii tajaajilichaa Mar 1:14. 7:23

3. Tajaajilicha irra ari’atamuu gahe Mar 7: 24, 10:52

4. Tajaajilichi hojii isaa raawwate Mar 11:1-16:20

Wangeela Luqaas

Maqaa isaa kan hin caqasne abbaan Wangeelaa kun Kaayyoo barreesseef bara sanatti haala barreeffamaa tureen walqabsiisee ibsuun.

Yeroo itti barreeffame: Wangeelli Luqaas kan caafame, qabiyyee macaafichaa irraa yemmuu hubatamu, jireenyi Yesuus kan lafa irraa erga raawwate booda. Yeroo isaas naannoo bara 60 Dh.K.B. akka ta’etti yaadama.

Qabiyyee Wangeelichaa: Ijaarsi wangeela Luqaas kan Maatewosii fi Marqos waliin kan wal fakkii qabu yoo ta’u garaa garummaas qaba. Fakkeenyaaf: dhaloota Yohaannis cuuphaa, seenaa dhaloota Yesuus, hidda dhalootaa, lallaba Naazirettiitti ta’e, waamicha Pheexirosiif ta’e kana malees dinqiiwwan jahan, fakkeenyota kudha saganni, jijjiiramuu Zakiyoos, kara deemtoota gara Emaawus.

Yaadni ijoo Maacaafichaa: “… dubbiin sitti himame kun dhugaa dhaa fi amanamaa ta’uu isaa akka hubattuuf.” (Luq 1:4)

Xiyyeeffannoo Macaafichaa Wangeelli Luqaas wangeelota biro caalaatti dhufaatii fayyisaa Yesuus ibsee tareessa.

Yesuus Kiristoos Maariyaam durbattii, Maatewos karaa Yoosef

yemmuu ibsu Luqaas immoo karaa Maariyaam ibsa. Waa’ee dhaloota Yoohannis cuuphaa Maatewoosii fi Maarqos waan ibsan hin jiru, Luqaas garuu sirriitti ibseera.

Hirama Macaafichaa Boqonnaa 24 kan qabu yemmuu ta’u bakka 4tti hirma.

1. Qophii fayyisichaa Luq 1:1-4, 13

2. Tajaajila fayyisichaa Luq 4: 14, 9:17

3. Gidiraa obsuu fayyisichaa Luq 9:18 – 19, 28

4. Fayyisaan hojii fayyisuu isaa raawwachuu Luq 19:29 24:53

4) Wangeela Yohaannis

Haalli barreeffama macaafa kanaa Wangeelota sadan irraa adda wangeela kana keessatti dinqiin raawwataman turban keessaa shan wangeelota biro keessatti hin caqasamne. Wangeelli kun qabiyyee isaanii waa’ee Waaqummaa Yesuus ibsuunis kannen biro irraa adda. Barreessaan macaafichaa tarii galiilaatti qurxummii qabaa kan ture, ilmaan Zabdeewos keessaa isa tokko, innis mucaa obboleettii Maariyaam solommee, Yohaannis kan jedhamu. Mat 27:56, Mar 15:40, Yoh 19:25

Yeroo itti barreeffame: Wangeelli Yohaannis kan caafame tilmaamaan naannoo 40-140 Dh.K.B. ykn isaan booda akka ta’e dha.

Qabiyyee macaafichaa: Qabiyyeen ijoo macaafichaa Yohaannis mataa isaan kaa’ameera Yoh. 20:30-31 Kutaama kana keessatti jechoota ijoo ta’an sadii argina isaanis milikita, amantan fi jireenya kan jedhan. Wangeela kana keessatti kan ibsaman milikkitoota torba, waaqummaa Yesuus kan ibsan dha. Milikkitootni kan agarsiisan namni foon uffatu kamillee kan raawwachuu hin dandeenye dha.

Xiyyeeffannoo Macaafichaa : ijaarsa isaa irraa kaasee toora inni ittiin ta’e waa’ee fayyinaa ti Macaaficha keessatti Yesuus yeroo torba “Ana/Ani” yemmuu jedhu argina. Barreessichi xiyyeeffannoo itti kennee kan caafef falaasama beekumsa kan qaban fakkaatu. Hirama Macaafichaa Boqonnaawwan 21kan qabu yemmuu ta’u, bakka gurguddoo 4tti hirama

1) Ilmi Waaqayyoo mul’ate Yoh 1:1-51

2) Ilmi Waaqayyoo fudhatama Yoh 2:1-6 :71

3) Ilmi Waaqayyoo mormii irratti ka’e Yoh 7:1-12:11

4) Ilmi Waaqayyoo dhugaa bahameef Yoh 12:12-21:25

5) Hojii Ergamootaa Macaafni hojii ergamootaa kan wangeela Luqaas irraa ittifufe dha. Barreessichi jalqaba irratti 1:1 yaada inni kaasu kan dursu macaafni biro akka jiru dha.

Yeroo itti barreeffame: Beektonni macaafa qulqulluu baay’een akka kaa’anitti, Macaafni hojii ergamootaa bara 60 fi 65 Dh.K.B. akka barreeffamee dha. Luqaas egaan macaafota isaa kutaa lamaan waa’ee ka’umsa amantii Kiristaana ibsa.

Keessattuu Hojii Ergamootaa keessatti seenaa Phaawuloos akkaataa amantiin Kiristaanaa babal’ate, achii gara biya Roomaatti diriire ibsa.

Kana malees, Macaafni kun Hojii Ergamootaa jedhamee haa beekamu malee, hojii guddaan kan hojjetame Humna Hafuura qulqulluun ta’uu as keessatti hubanna.

Qabiyye Macaafichaa: barreessichi babal’achaa kan deeme amantii Kiristaanaa ibsuuf.

Barreessaa: Miiltoo phaawuloosii fi gara Roomaa kan isa waliin deeme fakkata kanaaf barreessaan Macaafa Hojii ergamootaa Luqaas akka ta’e dha.

Hirama Macaafichaa

Boqonnaa 28 kan qabu yoo ta’u bakka 5tti hirame

1. Seensa 1:1-11

2. Jalqaba waldaa kiristaanaa Yerusaalemitti 1:12-8:3

3. Bara Ce’umsaa 8:4-11:18

4. Gara warra Waaqa hin beekneetti adeemsa wangeelaa godhame 11:19, 21:16

5. Hidhamuu phaawuloosii fi of irraa ittisuu isaa 21:17 – 28:31

6) Ergaa Phaawulos Gara warra Roomaatti

Ergaa kana kan caafe Phaawulos ;yemmuu caafetti Phaawulos biyya Qortoos keessa akka turetti yaadama kunis bara 55 Dh.k.b dha. Waldaa Kiristaanaa Roomaa keessatti kan dhaabe Phaawulos miti kan jalqabe eenyu akka ta’e hin beekamu. Ergaa kanas barreessee Phaawulos kan erge tajaajiltuu waldaa kinkiras kantaate karaa Feeven ture (Rom 16:1) Qabiyyee Macaafichaa mul’ina ayyaana Waaqayyoo kan ibsu dha. Akkasumas eenyu illee Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya sirrii osoo hin uumin Waaqayyoo wajjin ta’uu fi Kiristaana faayidaa qabeessa ta’uu akka hin dandeenye dha. Hirama Macaafichaa Boqonnaa 16 yoo qabaatu, bakka gurguddoo 5tti hirama

1. Qulqullummaan Waaqayyoo barbaachisaa ta’uu 1:1-3:20

2. Qulqullummaan Waaqayyoo kennamuu 3:21-5:21

3. Bu’aa qulqullummaa Waaqayyoo 6:1-8:39

4. Qulqullummaan Waaqayyoo mo’achuu 9:1-11:36

5. Qulqullummaa Waaqayyoo gochaan 12:1-16:27 7)

Ergaa gara warra Qoronxoos isa duraa

Waldaan warra Qoronxoos kan hin tasgabboofne ta’uu irra darbee rakkoo ishee jeequs qabdi turte. Amantoonni waldaa Qoronxoos baay’een macaafa kakuu moofaa haalaan kan hin beekne waan turaniif barumsa baay’ee isaan barbaachisa ture.

Yeroo itti barreeffame: Naannoo bara 54 Dh.K.B akka ta’e dha. Yeroo kanatti Phaawulos Efesoon ture.

Qabiyyee macaafichaa: Ergaan kun seera waldaa Kiristaanaatii kaasee hanga du’aa ka’utti haala jiru ibsa. Fiindiileyi namichi jedhamu, barreessaan waa’ee ergaa kanaa yaada cuunfaa isaa yemmuu dubbatu, “Barsiisa fannoo jireenya hawaasummaa keesatti” jedheera. Ergaa Qorxoos isa duraa kana Qabatee gara Qoronxoos kan geese ximootewoos ture.

Hirama ergichaa Boqonnaa 16 yoo ta’u bakka 8tti hirama

1. Seensa 1:1-19

2. Furmaata wal qooduu 1:10-4:21

3. Barbaachisummaa seeraa 5:1-6:20

4. Gorsa waa’ee gaa’elaa 7:1-10

5. Itti fayyadama birmaduu 8:1-10:33

6. Waaqeffannaa waliinii 11:1-14:40

7. Humna Wangeelaa 15:1-58

8. Yaada cuunfaa 16:1-24

8) Ergaa Gara Warra Qoronxoos Isa Lammaffaa

Phaawulos ergaa gara warra Qoronxoos isa jalqabaa erga barreessee ergee booda waggaa ykn lama booda biyya Girikootaa kan taate Maqadooniyaa taa’ee ergaa isa lammaffaa bara 56 ti barreessee. Rakkoon waldaa Qoronxoos keessa ture cimaa waan deemeef Phaawulos

Efesoon taa’ee xalayaa barreessee karaa Tiitoo ergee ture. Garuu akka 2Qor 2:3-4tti ergaa inni lammaffaa tasumaa waan isaan qaqqabe hin fakkatu, Tiitoonis dafee Qoronxoosii waan hin deebineef Phaawulos isa barbaaddutti dhiphatee gara Maqadooniyaa deeme, 2Qor 2:12-14, Tiitoo Maqadooniyaatti erga argatee booda waa’ee warra Qoronxoos dhagahee, rakkoo isaanii irraa gaabbanii waan qalbii diddiirattan itti fakkaatee ture kana erga dhagahee booda yeroo ammaa Qoronxoos isa Hammaffaa jedhamee kan waamamu yeroo sadaffaaf caafe. Qabiyyee Macaafichaa: Macaafin kun barsiisa waldaa Kiristaanaa caalaatti waa’ee dhimma dhuunfaa agarsiisa. Haalli jireenya hawaasummaa Phaawulosiis kan keessatti argamu dha. Xiyyeeffannoo Macaafichaa: Ergaan kun kanneen biro caalaatti waa’ee tajaajila Phaawulos kan ibsa kennu dha. Phaawulos ergaa kana wanti inni barreesseef rakkoolee warra Qoronxoos gidduu jiru qofa ilaalchisee osoo hin taane, diinnonni isaa wanta isa irratti kaasanis ilaalcha keessa galchuun. Rakkoon Phaawuloosiin mudate kan waaqa tolfamaa Waaqessan irra qofa osoo hin taane, nuti sirri dha ati sirrii miti kanneen jedhan dura buutota waldaa Kiristaanaa irraas. Hirama Ergichaa Boqonnaa 13 kan qabu yoo ta’u bakka 6tti hirama

1. Nagaa gaafachuu 1:1-2 2. Miira Phaawuloos tajaajilaaf ittiin ka’e 1:3-2:13 3. Amala tajaajila Phaawuloos 2:14-7:16

4. Amantoota raakkataniif buusii 8:1-9:15

5. Ergamaa Phaawulos dhugaa ta’uu 10:1-13

6. Gudan faa 13:11-14

9) Ergaa Phaawulos Gara warra Galaatiyaa

Waa’ee seera Musee eeguu irratti rakkoolee ka’an irratti macaafota barreeffaman keessaa ergaan gara warra Galaatiya kun isa lammafffaa dha. Yeroo itti barreeffame: ergaan kun bara kam akka caafame sirriitti yoo hin beekamne illee gareen tokko tokko bara 54-56 Dh.K.B akka caafametti yemmuu dubbatan kaan ammoo bara 48-49 Dh.K.B akka caafametti dubbatu.

Qabiyyee Macaafichaa : Wangeelli Yesuus Kiristoos haala sirriin hubatamaa waan hin tureef, dheekkamsa darbe ture. Hojii seeraatiin osoo hin taane ayyaana Waaqayyotiin fayyinni akka ta’e ibsuuf. Dheekkamsi Phaawulos yaada dhuunfaa isaa irraa qofa osoo hin taane, dhugaa dubbii afuuraan kan wal qabate ture. Barsiisaan warra Kaatoliki Roomaa, Maartiin Luuter, walitti bu’iinsa giddu isaaniitti kan uumame macaafa kana qo’atee ti. Xiyyeeffannoo Macaafichaa: (Gal 2:2), Amantiin keenya Yesuus qofatti akka ta’uu qabu dha.

Hirama Macaafichaa:- Boqonnaa 6 yoo qabaatu bakka 6tti hirama

1. Bu’uura Waaqummaa Wangeelaa 1:1-24

2. Wangeela Kunuunsuu 2:1-21

3. Waa’ee wangeelaa ibsa 3:1-4:7

4. Wangeela irraa adda kan ta’e ba’aa dha 4:8:31

5. Wangeela gochaan hiikuu fi gorsa 5:1-6:10

6. Wangeelaan of jajuu 6:11-18


Continue Reading