OromoBibleStudy

You Can Learn Any Thing For Free

Furtuu Kakuu Haaraa (New Testament Survey)


3 Saamirawota

Israa’elota jedhamaniia kan beekaman gareen 10n bara 722 Dh.K.D harka warra sooriyaan akka kufte beekamaa dha. Booji’amuu irraa kan hafan Israa’eloonni bakkee biraa irraa uummata dhufe waliin wal fuudhuun uummanni dhalate saamiraawota jedhamuun beekamu. Yihuudonni saamiraawwota wajjin walti dhufeenya uumuu gonkumaa hin dandeenye. Keessattuu bara Neehimiyaatti Yihuudota biratti akka Oromootaatti lakkaa'amaniiru.

Amantii isaanii

Akkuma Yihuudotaa Waaqayyoon Waaqessu. Shanan macaafota Museen alatti macaafota kakuu moofaa hin fudhatan. Harka isaanii irra macaafni ture kan Yihuudotaa waliin yoo wal bira qabamu hanga tokko garaa garummaa qaba. Raajiin akka Musee in dhufa jedhanii eegaa turan.

4) Shangoo Yihuudotaa

Kun bulchiinsa warra Roomaa jalatti kan hojjetu yoo ta’u, Yihuudonni siyaasaa fi Amantii irratti bilisaan akka bulchaniif aboon kan kannameef ta’uu kan agarsiisu dha. Aboon kunis kan kenname shangoo miseensota nama torbaa tama qabuuf yoo ta’u dura bu’aan isaanii angafa lubootaa ture. Lubootni walitti qabaman kunniin maatii dureeyyii irraa yoo ta'u, baay'inaan saduqoota fi xiqqoon isaanii immoo faarisota turan.

3. Jireenya Hawwaasuumaa, Diinagdee yeroo kakuu Haaraa Haala Hawwaasummaa

Uummatni jaarraa 1ffaa keessa turan sadarkaa jirenyaan garaagara, qomoon adda adda fi aadaa adda kan qaban turan. Hawwaasni Yihuudotaa Hiyyeessaa fi sooressa jedhamuun. bakka lamatti qoodama. Lubootnii fi dura buuton amantimuun bakka lamatti qoodama. Lubootnii fi duraa buuton amantii dureeyyii yoo ta’an, kaan garuu baay’inaan hiyyeessota turan. Qotee bulaa, qurxummii kan qaban, hojii ogummaa kan hojjetan, daldaltoota, hojii kan hin qabnes turaniiru, Yihuudotaa fi naannoo isaanii jechuu dha. Haalli jireenya ormootaa ammoo dureeyyii, jireenya giddu galeessaa kan jiraatan, hojii kan hin qabne, garbootaa fi yakkamtoota jedhamuun bakka shanitti hiramu turan.

1.dureeyyii:

mirgaa ormootaa to’achuun humna namaa gatii muraasaan kan bitan dha.

2. Jireenya giddu galeessaa kan jiraatan:

waraanaan, daldala garbaan fi waldorgommii hojii daldalaa irraa kan ka’e kan bade yoo ta’u, jiraattonni mana jireenyaa, nyaataa fi hojii malee kan hafan dha.

3. Hojii dhabdoota:

Kanneen kun hojii dhaabbataa kan hin qabne dha.

4. Yakkamtoota:

Yeroo sanatti kan hojii hin qabnee fi bulchiinsa badaa irraa kan ka’e kan uumame ture

Diinagdee

Diinagdee jalatti kan walitti qabaman qonnaa, qorshii fi geejjiba ture, kanneen hundinuu hojii wangeelaa keessatti shora taphataniiru.

Amantii

Amantiin Kiristaanaa amantii biro waliin wal morkiin quunnamee ture. Isaanis kutaawwan gurguddoo shanitti ramadamu.

1. Waaqa tolfamaa warra Roomaa fi Girikii

Dhalatoota Kiristoos dura bara 27 itti Roomaa keessatti “Mana qulqullummaa Waaqa Hundaa” kan jedhamu manni waaqa tolfamaa ijaaramee ture. Kun garuu amantootaa isaa eeguu waan hin dandeenyeef akka dadhabaatti lakkaa’amee kufaatiin irra gaheera.

2. Amantii Moototaa Awugisxoosii jalqabee mootonni turan hundinuu saba isaanii irra Waaqeffannaa fudhachaa turan. Kiristaanonni warri jalqabaa garuu waaqummaa namootaa mormuun “Qeesar osoo hin taane Kiristoos qofa Waaqesina” jechuu isaaniitiin gidiraa guddaa fi ari’atamuun irra gaheera.

3. Xibaartoota Shaakala amantii dhuunfaatti amanu

4. Waaqa tolfamoo Waan galeef fi waan hubatan osoo hin taane uumama ijaan argaman hubachuu irratti kan xiyyeeffatan turan. Fakkeenyaaf urjii lakkaa’uu.

5. Falaasama Falaasama jechuun beekumsa biyya lafaa shaakala namootaan mala wal simsiisuuf yaalu dha. Faalasfaawwan tokko tokko Waaqni tolfamaan kan waa’ee hin boofne dha jedhu. Falaasamni mul’ina Waaqayyoo irratti kan hundan’e miti. Bara sanatti Falaasamin turan Pilaatooniizim, Niiyuu pilaatooniizim, Iiriku raayaaniizim, Sitooliizim fi Sikeepitii sizimii fa’i.

Bakka Yesuus jiraatee fi Tajaajile Qanaa Galiilaa

Yesuus Naazreetti keessatti kan argamutu biyya Galiilaatti dinqii isa jalaqabaa hojjete. Kunis cidha Qaanaa irratti bishan daadhiitti jijjiiruun. Bartoonni isaa baay’een namoota Galiilaa turan.

Magaalota Kurnan:

Bakki kun Aleksaandar inni guddaa yemmuu turetti bakkee dhaabbate dha. Iddoowwan kana keessaa tokko Yesuus namicha hafuura hamaan qabame iddoo inni birmaduu baase Gergesenoon argama. Mar5:1-20 Yesuus hanga Filiiphoos Qisaariyaatti deemera Mar 16:13-20

Samaariyaa:

Bara duriitti saba Yihuudotaa fi ormoota irraa kan dhalatan, saba walmakaa kan qabate dha. Uummatni kun saba Israa’eliin kan balaaleffataman turan. Keessa illee darbanii hin deeman. Yesuus garuu yeroo baay’ee biyya Samaariyaa keessatti tajaajileera. Yoh 4:1-42

Gama Yordaanos ykn Feeriyaa:

Yihuudonni baay’ee fi sabni biraa iddoo jiraatu dha. Yesuus iddoo kanatti barsiisera. Mar 10:1-45, Mat 19:1-20

Aanaawwan Yihuudaa:

Yesuus bakka inni itti dhalata magaalaan Yerusaalem kan itti argamtu dha. Yesuus kanneen baay’ee jaallata ture Maartaa, Maariyaam fi Alaazaar bakki isaan jiraataa turan Bitaaniyaanis biyya yihuudotaati. Namichi iji jaamaa bakki itti fayye Iyyaarikoo jedhamuun kan beekamtu aanaa yihuudaa keessaa tokko.

Wongeeloota Wal-fakkaatoo (Synoptic Gospels)

“Siinopitiikis” jechi jedhu kan dhufe Giriki irraa yemmuu ta’u “siin” jechuun tokkummaa” jechuu yoo ta’u “opitaanoomaayi” jechuun ammo “ilaaluu” yaada jedhu qaba kanaaf jechi kun walitti qabaan yemmuu dubbiffamu fi hiikamu “tokkummaan ilaaluu” hiika jedhu kenna. Macaafonni kakuu Haaraa Wangeelota Maatewoos, Maarqos, fi Luqaas walitti dhufeenya isaan qabaniin, jechuun jireenya Yesuus yemmuu ibsan waan ittiin wal fakkaatan baay’ee qabu. Kana irraa kan ka’e Macaafota Siinoopitiikis ykn macaafota walfakkii jedhamuun beekamu kun gaaffii tokko kaasuu danda’a. “Barreeffamoonni kuniin ofii isaanii danda’anii kan dhufan yoo ta’e, akkamittiin wal fakkachuu dandaa’an?” Fakkeenyaaf Mat 8:1-4, Mar 1:40-45 fi Luq :12-16, namicha dhibee gogaa irraa fayye ibsu. Wangeelota kanneen kan caafan haala tokkoon ibsan jechuu dha. Haalli ibsa isaanii karaa garaa garaa wal fakkaatu wal fakkiin akkasii akkamiin ibsamuu danda’a? Akka furmaataatti wantoonni sadii dhi’aataniiru. Odeeffannoo oduu durii, walfakkii waliinii fi madda barreeffamaa. Kaneen keessaa tokkoon wangeelonni kunniin walfaakkaachuu danda’an jedhamee yaadama.

Kutaa Lama Irra Deemaa Macaafoota Kakuu Haaraa

Kutaalee itti aanan keessatti macaafota kakuu Haaraa ilaalluu yaalla. Yaadachiisa:

Akkuma kakuu Moofaa barataan Macaafota kakuu Haaraa, kanas haalaan qo’achuu qabdu. Yeroo kanatti Hanga dandaa’ameen macaafota kakuu Haaraa mara tokko tokkoon dubbisee xumuruu qabdu. Fakkeenyaaf wangeela Maatewoos boqonnaawwan 28 jiran dubbisuun xumuruu. Barataan kana yemmuu raawwatutti ofii isaa beekumsa gad fageenyaaf qopheessa jechuu dha.

1) Wangeela Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos qulqulluu Maatewoos akka caafetti

Maatewos hojiin isaa qaraxa sassaabuu yoo ta’u ilma Lewwii barattoota kudha lamaan keessaa isa tokko. (Mat 9:9) Yeroo itti caafame: Yeroo wangeelichi itti caafame sirriitti yoo hin beekamne illee, Kiristaannonni Yersaaleemiin turan yeroo itti ari’atamin irra gahee bittimfefamanii turanitti ta’uu danda’a.

Qabiyyee Macaafichaa (kaayyoo isaa):- Kaayyoon Wangeela Maatewoos jalqabuma irra kaa’ameera. (Mat 1:15) Haala kanaan Maatewos hidda dhaloota Yesuus toora galchee kaa’uun, Masihii abdii sabaa ta’e, dhalootaa fi guddina isaa ibsa. Maatewos mootummaa Kiristoos lallaba gaara irraa.

keessatti tokko tokkoon kaa’uu isaa irraa kan ka’e wangeela kana, macaafa odeeffannoo guutuu qabate jechisiiseera. Haalli barreeffama Macaafichaa kan xiyyeeffate Yihuudota irratti yemmuu ta’u, macaafota kakuu moofaa akka wabiitti caqasa. Maatewos Wangeelota biroo caalaatti “Mootummaa Waaqayyoo” gaalee jedhu yeroo 5 kan caqasu yoo ta’u (Mat 6:23, 12:28, 19:24, 21:31 fi 21:43)

Xiyyeeffannoo Macaafichaa: xiiyyeeffannoon wangeela Maatewos raajii kakuu Moofaa waa’ee Masiihiif caafame duraa duubaan kan ibsu yoo ta’u, inni cimaan garuu Mat 28:19 irratti kan ibsame dha.

Macaafota biroo keessatti kan hin caafamne Wangeela Maatewos Qofa keessatti kan caafaman

  • Mul’ata Yooseef kaadhima Maariyaam (1:20-24)
  • Warraa sabaa sagal (2:1-12)
  • Gara Gibxii deemuu (2:13-15)
  • Daa’imman ajjeefamuu (2:16)
  • Abjuu haadha manaa Philaaxos (27:19)
  • Du’a Yihuudaa (27:3-10)
  • Fannifamuu fi qulqulloonni du’aa ka’uu (27:52)
  • Gowwoomfamu warra awwala eeganii (28:12-15)
  • Ergama waa’ee cuuphaa (28:19-20)
  • Fakkeenyota Yesuus ittiin barsiise (13:45-46, 20:1-13, 21:28-32, 25: 1-13, 25:14-30)
  • Dinqii Yesuus hojjete sadan (9:27-31, 9:32-33, 9:27-31)

    Wangeelli Maatewos salphaamatti waa’ee humna Masii hummaa Kiristoos kan ibsu dha.

    Amaloota Addaa

    1. Wangeelli Maatewoos wangeela ibsaati

    2. Wangeelli Maatewoos wangeela waldaa Kiristaanaa ti (16:18)

    3. Wangeelli Maatewoos wangeela Yesuus

    Hirama Macaafichaa

    Boqonnaawwaan 28 Kan qabu yemmuu ta’uu kutaawwan 4tti hirama.

    1. Mooticha beeksisuu 1:1-4: 11, Lallaba Yohaannis 3:1-12 2.

    Mootichi seera Mootummaa isaa labsa 4:12-15,20

    * Lallaba gaara irraan 5:1-7, 29

    * Dajeelfama bartoota isaaf kenname 10:1-42

    * Fakkeenyota 13:1-52 3. Mooticha irratti mormii ka’e 15:21 , 20:34

    * Hiikaa dhiifamaa 18:1-35

    4. Mootichi mo’uu isaa 21:1-28 :20, 28:18-20 * Yesuus Wangeela Maatewos Keessatti

  • Seexanaaf osoo hin mo’amin
  • Mormiin kan hojii isaa hin dhaabne
  • Du’I qabuu kan hin dandeenye
  • Mo’ataa fi mootii ulfinaa akka ta’e argina

    2) Wangeela Maarqos

    Wangeelota biro waliin wal bira yemmuu qabnu barreessaan

    Wangeelota biro waliin wal bira yemmuu qabnu barreessaan macaafa kanaa Maarqos akka ta’e wanti ka’umsa ta’u hin jiru. Seenaan Macaafa qulqulluu akka ibsutti barreessaan macaafa kanaa Yohaannis Maarqos akka ta’e dha. Innis maatii Kiristaanaa keessaa ta’ee, kan Phaawuloosii fi Baarnaabas faana ture dha. (Hoe 13:13)

    Yeroo itti barreeffame:

    Wangeelli kun bara kurnaan dhaloota Kiristoos booda akka caafame tilmaamama. Wangeelli kun gabaabaa, toora isaa garuu kan gad hin dhiisne, ifa fi akka barreeffama warra Roomaatti mijataa kan ta’e dha. (15:16)

    Qabiyyee (Kaayyoo) Macaafichaa :

    Wangeelli Maarqos hojii gooftaan Yesuus hojjete kan ibsu dha.

    (1:1) Xiyyeeffannoo Macaafichaa:

    Wangeelli kun hojii ibsuun kan guutame ta’ee, tajaajila Yesuus Kiristoos irratti kan xiyyeeffate dha.

    kana malees fkn gaggabaaboo, himoota ibsaa fi dinqiiwwan garaa garaas haalli inni itti ibsu kallattiin gooftummaa Yesuusiin walqabsiise ti.


    Continue Reading