Gaa'ela
Warra Gaa'ela Dhaabbataniif Akkamitti jireenya ykn gaa'ela keessan akka gaggeeffattaniif kan gargaarudha. warri hin fuudhinis isin fayyaduu danda'a yoo dubbiftan.
Gaa'ela jechuun kennaa guddaa waaqayyo namootaaf kenne lafa kanarratti akka itti gammadaniif. Uma 2:18 irratti gaa'elli barbaachisaa akka tahe ni hubanna..
Wantoota Gaa'ela keessatti tahuu qaban:
1.Yaada gaarii waliif qabaadhaa.
2.Miira walii walii keessan waliif hubadhaa.
3.Hojii waajjira keessanitti hojjettan manatti fuutanii
hin galinaa. Manni kan Gaa'elaati.
4.Yeroo ciisichaa waliin godhadhaa.
5.Yeroo bilbila namarraa itti kaaftan beekaa, Jechuunis yeroo raftanitti bilbila keesaan cufaa ykn silent godhaa.
6.Beellama haati manaa kee ykn
abbaan manaa kee hin beekne hin qabaatin.
7.Jecha filatamaa fayyadamaa, arrabsoo hin barbaachifne hin jedhinaa.
8.Maatii keessaniif(Abbaa fi Haadha
keessaniif) wal qixatti yaadaa.
9.Wal hin nuffinaa -wal nuffuun
ejjaaf karaa waan banuuf - kan addaan isin baasu wal nuffuu
osoo hin taane du'a qofa haa tahu.
10.Ofii keessan eeggadhaa(ciisichaan, nyaataan,
qulqullina dhuunfaan, amalaan fi kkf).
11.Yeroo hafuuraa, yeroo kadhannaa (soomaaf sagadaan yoo tahe gaaridha),
yeroo dubbii waaqayoo waliin dubbifattan qabaadhaa.
12.Nama saala faallaa keessan tahe wajjin yeroo baay'ee deemuu irraa of eeggadhaa. Uma 2:18 Eragasii waaqayoo gooftaan "Namichii kophaa isaa ta'uun garii mitti; kan isa gargaartu ani isaaf nan tolcha" jedhe*
Efe 5:21-22
Kirstosin safeeffachuudhaan waaliif abbomamaa*!
Haati manaa akkuma gooftaa yesusiif abboomammatu abba mana isheetiifis haa abboomamtu*!.
Gaa'ela
13.Yeroo marii waliin godhadhaa.
14.Iccitii walii keessan waliif eegaa.
15.Kennaa adda addaa waliif kennaa.
Hir'ina ykn qaawwa keessan waliif guutaa
16.Laphee dhiifamaa waliif
qabaadhaa(Yeroo hundumaa).
17.Qabeenya(horii ykn qarshii) wal hin dhokfatinaa.
18.Dogoggora keessan irraa baradhaa.
19.Yeroo waldaa deemtan, mana cidhaa
yeroo deemtan, bakka waliin deemun tahu
hundatti waliin deemaa.
20.Murtoo tokko gaafa murteessitan fedhii
keessan waliif eegaa. Fedha nama tokkoo
qofarratti hin hundaa'inaa.
21.Nyaata yeroo nyaattan maaddii tokko
irraa nyaadhaa(alaa nyaattanii galtanii ani
nyaadheera ati nyaadhu akka waliin hin jenne),
tarii maaltu beeka si eegaa ture/te taha.
22.Wal wajjin tajaajilaa
23.Namoota biroo biratti, ijoollee keessan
birattis wal hin ifatinaa.
Kophaatti walitti himaatii wal sirreesssa malee
24.Wal wajjin bashannanaa.
25.Daa'ima yeroo godhattanitti walii keessanirra
daa'ima keessan hin caalchifatinaa.
Osoo isin lamaan keessaa tokko hin jiraanne
tahee daa'imni hin dhuftu turte.
26.Nama kan birootiin walii keessan wal
hin dorgomsiisinaa
27.Sababa hojiitiin wal irraa fagaattanii
gargar hin jiraatinaa.
28.Deemsa biyya alaa gargar hin godhatinaa,
waliin deemaa ykn dhiisaa malee.
29.Abbaan manaa amaloota dubartootaa arfan beekee haa hubatuuf:
1.Torban callisuu,
2.Torban jeeqamuu(wacuu),
3.Torban nama hafuuraa tahan,
4.Torban kunuunsaa.(kan itti nama kunuunsan ykn itti kunuunfaman).
30.Qunnamtii saalaa irratti wal eegaa.
31.Waa'ee namoota kan biroo hin haasa'inaa.
32.Hiriyoota keessan wajjin yeroo beellama galgalaa hin godhatinaa
33.Sagantaa isin lameen qopheeffattan sababa quubsaa malee hin dhiisinaa( kan bashannanaa fi kkf
34.Rakkina alatti isin mudate manatti fuutanii hin galinaa. Wanti fedheyyuu yoo isin mudate irraanfadhaatii fuula ifaadhaan manatti galaa).
35.Odeeffannoo waa'ee walii keessan nama kan biraa irraa hin barbaadinaa. Warra waliif amanaman waliif taha.
36.Dadhabbii keessan waliif hubadhaa
37.Ciisicha baduu irraa of eeggadhaa:- Sobaan Dadhabeen dhufe ykn na dhukkuba jettanii wal hin mufachiisinaa.
38.Ofirraa wal hin faccisinaa.
39.Aadaa gadhee dhaaltanii dhuftan of keessaa baasaa gataa.
40.Mala ittiin wal ceephatan tokko
iyyuu hin qabaatinaa.
Barruu xiqqoo kanarra waan baay'ee
hubattu jedheen
yaada.Gaa'ela kan dhaabe waaqayyodha.
Kan waaqayyo dhaabe immoo eenyumtuu
diiguu hin danda'u.
Kanaaf warri Gaa'ela dhaabbattan kana beekaatii
jaalala dhugaatin waljaallachaa,
waliif amanamaa jiraadhaa.
Efe 5:21 jalqabaatii dubbifadhaa.
Akkasumas 1Qor 7:1-40 tti yoo dubbiftan gaaridha.
Waaqayyo isin haa eebbisu,
Ayyaana isaa isiniif haa baay'isu, Hamma dhumaatti isin haa dhaabu, Jireenya bara baraan isin haa gahu.
Amen!
Back to home!