OromoBibleStudy

You Can Learn Any Thing For Free

Gaaffii: Yesus Waaqayyoodhaa? Yesus Waaqayyo akka ta'e dubbatee beekaa?

Deebii: Macaafa Qulqulluu keessatti kallattiin Yesus akka 'Ani Waaqayyodha' jedhe galmaa'ee hin jiru. Sunis,haa ta'u malee, inni Waaqayyo akka ta'etti hin dubbanne jechuu miti. Fakkeenyaaf jecha Yesus fudhadhu Yohaannis 10:30 irratti, 'Abbaaniif ani tokko' jedhe (Yohaannis 10:30). Ilaalcha Yihodootaa duwwaa ilaaluun ni ga'a yeroo inni jechoota akka ofii isaa Waaqayyo ta'e dubbate waan deebisaniif. Jarri sababa kanaatiif dhagaan isa rukutuu yaalan''ati nama taatee utuuma jirtu Waaqayyoon of goota'oo' (Yohaannis 10:33). Yihudonni waan Yesus jedhe sirriitti hubataniiru- waaqayyummaa. Yesus inni Waaqayyo ta'uu isaa dubbachuu hin ganne. Yesus yeroo 'Abbaaniif ani tokko' jedhe (Yohaannis 10:30) dubbatu, inni jechaa kan jiru innii fi Abbaan amala tokkicha fi waaqayyummaa (essense) tokkicha akka ta'aniidha. Yohaannis 8:58 immo fakkeenya kan biraati. Yesus akkas jedhe, 'dhuguma dhuguman isinitti hima Abrihaam utuu hin dhalatin iyyuu ani jiran ture!' deebiin Yihudoota warra jecha Yesus kana dhaga'anii dhagaan isa rukutuu ture arrabsuu isaatiin, akka seerri Musee akka kana godhaniif jara abboomutti (Seera Lewootaa 24:15).

C.S.Lewis kitaaaba isa Mere Christianity jedhu keessatti kanatti aanee kan jiru arganna, 'Namoonni heedduun waa'ee isaa (Yesus Kiristoos) kan jedhan jecha gowwummaa hambisuuf yaalaattan jira. Yesus Kiristoosiin akka nama naamusaa isa guddichaatti fudhachuudhaaf qophaa'oodha. Garuu Waaqayyo ta'uu isaa hin fudhadhu. Isa kana egaa jechuun kan nurra hin jiraanne. Yesus Kiristoos kan hojjetee fi kan barsiise akkuma nama barsiisaa naamuusa gaarii ta'e duwwaatti hojjetamuu kan dand'u miti. Namni akkasii yookiin maraatuta'uutu irra jira. Yookiin immo Seexana Gaannamaa ta'uu danda'a. filachuutu sirra jira namini kun ilma Waaqayyoo ture. eeyyeen yookiin maraatuu yookiin kan is asana gararraa ture jechuudha. Gowwaadhaa jettee isa bira darbuu, itti tufuu, Jinniidha jettee isa ajjeesuu dandeessa. Yookiinis Waaqa koo tookiin Gooftaa koo jettee milla isa jelatti kufuu dandeessa. Garuu hafuuraa gad aanaa bifa agarsiisuun barsiisaa guddaa jechuun of hin jejinu. Inni kun filannoo isaa keessa hin jir. Filannoo akkasii akka qabaannuuf fedhii isaa hin turre.

Yohaannis yaada waaqayyummaa Yesus kana irra deebi'a: 'sagalichi ofii isa Waaqayyo ture' 'sagalichi nama foonii ta'ee nu gidduus buufate' ' (Yohaannis 1:1, 14). Waraabbiin kun ifatti kan inni agarsiisu Yesus Waaqayyodha foon keessaatti. Hojiin Ergamootaa 20:28 akkas jechuun nutti hima, Waldaa Kiristaanaa isa Waaqayyo dhiiga tokkicha ilma isaatiin kan isaa godhatee eegaa.' Eenyutu bitee waldaa-waldaa Waaqayyoo-dhiiga isaatiin? Yesus Kiristoosiidha. Hojii Ergamootaa 20:28 Waaqayyo waldaa isaa dhiiga isaatiin akka waldaa isaa bite dubbata. Sababa kanaatiif Yesus Waaqayyodha!

Tomaas bartuun Yesusiin ilaalchisee akkas jedhee dubbateera, 'Gooftaa koo Waaqayyoo koo'(Yohaannis 20:28). Yesus isa hin sirreessine. Tiitoos 2:13 dhufaatii waaqa keenyaa fayyisaa keenyaa Yesus Kiristoos akka eegnu nu jajjabeessa. (darbees 2 Pheexroos 1:1 ilaali). Ibroota 1:8 irratti, abbaan waa'ee Yesuus akkasitti dubbata 'waa'ee ilmaa garuu 'teessoon kee yaa Waaqayyo, bara hamma baraatti, uleen mootummaa kees ulee qajeelummaa ti.'' Abbaan Yesuus Waaqayyo ta'u uisaa agarsiisuudhaaf 'Yaa Waaqayyo' jedhaan Yesusiidhaan.

Mul'ata Yohaannis keessatti, ergamaan Waaqayyoo akka Waaqayyoon duwwaa waaqeffati Yohaannisiin abbooma (Mul'ata 19:10). Yeroo heedduu caaffata qulqula'oo keessatti Yesus waaqeffanaa fudhateera. (Maatewoos 2:11, 14:33, 28:9, 17; Luuqaas 24:52; Yohaannis 9:38). Namoonni akka isa hin waaqeffanne gonkumaa hin dhowwine. Yesus utuu Waaqayyoon hin taane ture, namoonni akka isa hin waaqeffanne isaanitti hima ture, akkuma ergaamaan Waaqayyuu Mulla'ataa Yohaannis keessatti godhe. Caffata qulqullaa'oo keessatti waraabbiilee fi keeyyatota heedduutu jiru waqayyummaa Yesuusiitiif kan falman.

Yesus Waaqayyo ta'uu isaatiif sababni baay'ee barbaachisaan inni yoo Waaqayyo yoo ta'uudhaabaate, duuti isaa gatii cubbuu biyya lafaa kaffaluudhaaf ga'aa hin ta'u waan tureef (1 John 2:2). kan uumame, inni Waaqayyo ta'uu utuu dhabaate Yesus kan ta'u, kaffaltii hammamtaan gararraa ta'e kaffaluu hin danda'u ture gatii cubbuutiif kan barbaachisu Waaqayyo dhuma isa hin qabne biratti. Waaqayyo duwwaatuu kaffaluu danda'a kaffaltii ammamtaa hin qabne akkasii. Cubbuu biyya lafaa kan fuchuu danda'u Waaqayyo duwwadha (2 Qorontoos 5:21), du'u, du'aas ka'uu, du'a irrattii fi cubbuu irratti aboo qabus mirkaneessuudhaaf.





Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa