
Yesuus Waaqa moo nama?
Yesuus Waaqa moo nama? Waaqummaa Kiristoos ( The Deity of Christ)
Barsiisni sobaa/Herecy Waaqummaa fi namummaa Yesuus ilaalchisee seenaa Waldaa kiristaanaa bara durii keessatti hedduun ka’anii turan.haa ta’u malee ganiinsa waaqummaa isaa tu caala namummaa isaa caalaa. Waaqummaa fi namummaan Yesuus haala mijaana isaa eeggateen eegamuu akka qabu barreestoonni Kakuu Haaraa baay’een isaanii wabii dha, barsiisa sobaa dhorkuuf.
Wabiilee cimaan GooftaaYesuus Kiristoos Waaqa ta’uu ibsan amaloota Waaqummaa,Maqaa Waaqummaa, hojii waaqummaa, Waaqeffannaa Waaqummaa, akka Waaqatti waan isaaf ta’anii fi walitti dhufeenya isaa wajjiinii akka Waaqaa tti.
A. Amaloota Waaqummaa Isaaf Ta’an a.
Amaloota Addaa
a) Barabaraan jiraachuu (Eternal Being):-ilma ta’uun Yesuus kan barabaraatti sadan tokkummaa Waaqaa keessatti.Yesuus dubbatee ture akka Waaqa abbaa wajjiin turee fi Waaqa irraa gad dhufe. (Yoh.1:1-3; 6:33,41, 50-62, Rome.1;20, Mat.3:11, Ibr.7:1-4).
b) Jalqaa kaasee kan ture.(Pre –existence being). Yesuus ofii isaa dursee akka ture dhugaa baheera waa’ee ofii isaa.Akka Waaqa Abbaa biraa dhufe sirritti beeka.Kana jechuun maayiraam durbattii osoo hin dhalati dura akka ture dha. (Yoh.1:1-3, 27-30; 16:26-28; 17:1-5; Luq.12:49-51, Mat.10:40, Yoh.6:38-57; 8:28).
c) Ofiin jiraachuu./Self Existence/. Ilmi Waaqa Abbaa fi Hafuura qulqulluun jiraata.Akkasumas ilmi jireenya barabaraa keennuuf ga’aa waan ta’eef inni burqaa jireenyaati warra itti amananiif . Ofii isaatii garuu humna qabeessa ta’ee bara baraan jiraata,yaadni kun immoo Waaqa qofaaf kan ta’u dha. (Yoh.1:4; 5:2126;14-16; Ibr.7:16; 1Yoh.5:11-12).
d) Waaqummaa/Diety/. Caafata Qulqullaa’aan Waaqummaa Kiristoosiif Dhuga baha.
1. Jalqabatti akka Sagaleetti akka Waaqaatti ture. (Yoh.1:1; Fil.2;13, Mul.19:13)
2. Inni Waaqaa wajjin ture, Waaqa abbaa. (Yoh.1:1)
3. Inni Waaqa, Ilma ture. (Yoh.1:1;Rome.9:5,Ibr.1:8,1Yoh.5:20).
4. Inni Waaqa fooniin mul’ate dha. (Yoh.20:28,1Xim.3:16,Qol.2:9;1:19)
5. Inni Waaqa guddaa dha. (Isa.9;6, Far.45:6)
6. Inni Amaanu’el, Waaqayyo nuu wajjin jira. (Isa.7:14;Mat.1:23)
7. Inni sagalech foon uffate dha. (Yoh.1:14-18)
8. Inni Waaqa dhugaa dha. (Yoh.5:20, Tito 2:14; Rome 9:5)
9. Inni Waaqa Guddaa dha. (Tito 2:13)
10. Inni Waaqaa fi fayyisaa keenya. (2Phex.1:1)
11. Inni osoo foon uffatee hin dhufin dura Waaqa abbaa waliin walqixa ture. (fil.2:5-7)
12. Innii Waaqa isa ogeessa. (Yihudaa.25)
e. Waan hundumaa danda’uu(Omnipotent). Ilmi humna hundaa olii qaba. Inni uumaa fi eegaa biyya lafaa ti(qol.1:17;Efe.3:9;Ibr.1:10;Mul.3:14;Yoh.1:3,10).
1. Inni samii keessatti himna qaba( Mat.28:18)
2. Inni ardii irratti humna qaba(Yoh.17:2)
3. Inni uumama hundaa irratti humna qaba(Mat.8:23-27)
4. Inni hafuura hamaa hundumaa irratti humna qaba(Luq.4:35-41)
5. Ergamtoota hafuura hamaa hundaa irratti humna qaba(1Phex.3:22,Efe.1:2022)
6. Inni waan hundumaa irratti humna qaba(Ibr.1:3)
f. Waan hundumaa beeka(Omniscient) .Ilmi akka Waaqummaatti waan hundumaa beeka.Wanti fuul isaa duraa dhokatu tokko illee hin jiru (Yoh.16:30; 2:24-25; Qol.2:3; Yoh.14:16-19; 21:17; Ibr.4:12-13; Mul.2:23)
g. Bakka hundumaatti argamuu(Omnipresent) :- Ilmi yeroo tokkotti bakka hundumaatti argama.Sababa amala kana qabuuf , saba isaa iddoo kamittiyyuu maqaa isaatiin walitti qabaman giddutti argama. (Mat.18:20;28:20,Yoh.3:13,Efe.1:23,1qor.1:2;5:4)
h. Hin jijjiiramu(Immutable).Ilmi hin jijjiiramu yoomiyyuu kaleessas har’as boris sanuma. (Ibr.1:12, 13:8, Far.102:26-32)
i. Dogongora hin qabu tasumaa(Infallible).ilmi yoom illee hin dogongoru.Waaqa qofa tasumaa kan hin dogogore.namni hindinuu ni dogogora.Inni tasumaa dogogora waan ta’es hin dubbatu;wanta inni dubbatu kan abbaa waan ta’eef. (Yoh.12:44-50; 14:6). Inni dhugaa dha.
2.Amala Naamusaa/Moral Attributs/
a) Sirriitti qulqulluu dha./Perfect holiness/ Ilmi Waaqayyoo guutummaa guutuutti qulqulluu dha. Namas ta’ee qulqulluu kan ture isa qofa lafarratti. (luq.4:34; Hoe.4:27-30; 1Phex.2:22)
b) Guutummaatti sirrii dha. Ilmi waaqayyoo gooftaa waan sirrii hundaa ti. (Erm.23:5-6; 1Qor.1:30; Ibr.1:9; 1Phex.2:22)
c) Sirriitti Jaalala./Perfect Love/ Ilmi Waaqayyoo sirriitti jaalala.Kun immoo amala waaqummaatti.Namoonni jaalala qabaachuu danda’uu;Waaqni garuu jaalala. (Yoh.15:9-10, 1Yoh.4:7-8; 15-16). Kun kan of kessati qabatu: araara,ayyaana, gara laafummaa fi gaarummaa dha.
B. Maqoota Waaqaa isaaf kennaman(Divine Names Applied To Him)
1. Inni abbaa bara baraan jiratuu, ykn Abbaa barabraati(Isa.9:60
2. Inni Gooftaa jedhama(Iyu.2:32;Hoe.2;21Rome10:13;Hoe.9:17)
3. Inni Hiwwaa/Jehova jedhameera(Uma.19:24;Hos.1:7;zak.12:10;Far.83:18;Isa.12;2)
4. Inni Aalfaa fi Oomeegaa dha( Mul.1:7-11;22:13-16) 5. Inni isa jalqaa fi isadhumaa ti (Isa.44:6;41:448:12,Mul.1:17-18)
6. Inni sagalee barabaraa ti(Yoh.1:1,Ibr.1:1-2) 7. Inni isa “Ani” jedhu dha(Kes.3:14-15;Yoh.8:56-58)
8. Inni hundee fi hidda Daawit. Inni ilma, goofaadhas Daawitiif ,foon uffachuu isaatiin (Mu.22:16;Mat.9:27;21:9;22:41-42)
9. Inni ilma Waaqatti,ilmummaa Waaqaa. Dhugaas bahameeraaf.
a) Waaqayyo Abbaadhaan(mar.1:24)
b) Hafuurota hamoon(Mat.8;290
c) Ergamaa Gabri’eeliin (Luq.1:35)
d) Bartoota isaan(Mat.16:16-17:Rome1:1-3)
e) Gooftaa mataa isaan ( Mar.1:61-62,Luq.22:70,Yoh.5:25;11:40
10. Inni isa Waaqa isa Qulqulluu dha(Mar.1;24)
11. Inni isa dhugaa dha( Yoh.14:6) .Inni dhugaa dubbata;ofii isaatis dhugaa dha
C. Amaloota Hojii Waaqaa isaaf ta’an
Hojiin Waaqaa Ilma Waaqaatiin raawwataman ( Yoh.14:11,10:37;5:36)
1. Inni uumaa biyya lafaati (Ibr.1:3;Uma.1:1-5;Yoh.1:1-4,10)
2. Inni uumaa ergamtootaa fi namaati ( uma.1;26;Fakk.8:30,Qol.1;16-17)
3. Inni cubbuuf dhiifama godha. (Hoe.5:31; Luq.5:12-14, Mat.9:6; Mar.2:5-7; Qol.3:13). Cubbuudhaaf dhiifama gochuu kan danda’u Waaqayyo qofa.
4. Inni du’aa kaasee jiraachisa(Yoh.5:28-29;11:25;Fil.3:21)
5. Inni biyya lafaatti sirriitti murteessa ;aboo kanaas qaba. (Yoh.5:22-29; Hoe.17:31, 2Qor.5:10; 2Xim.4:1)
6. Inni sagalee isaatii addunyaa qabee jira(Ibr.1:3;Qol1;17).
7. Inni jireenya barabaraa kan kennu dha warra itti amananiif ( Yoh.10:28;17:2)
8. Dhuma biyyaa lafaaf haaromsa fida (Ibr.1;10-12,Mul21:5;mat.19:28)
D. Waaqeffaan Waaqummaa isaaf ta’a
Yesuusif waaqeffanaan in ta’aaf; kennameeraafis. Inni naaf hin ta’u hin jenne akka namoota Waaqayyoo fi ergamamoota filatamanii waaqeffannaan nuuf hin ta’u jedhanii turaanii.
Yesuus akka Waaqaatti Waaqessuun Waaqayyoon arrabsuu dha yoo inni Waaqa ta’uu baate.
1. Inni ergamootaan waaqeffameera( Ibr.1:6;Isa.6:1-5;Mul.5:12-14)
2. Inni namootaan waaqeffameera ( Mat.8:2;15:25-28;28:17;luq 24:51-52;Hoe.1:24)
3. Gara isaatti kadhatin dhiyaatera akka waaqatti ( Hoe.1;24;7:59-60)
4. Inni uumamaan waaqeffameera(Mul 5:13)
5. Inni kabajameera Waaqa Abbaa wajjin walqixa (Yoh.5:23;Mul.1:5-6;Ibr.1:6-8)
E. Waantoonni Waaqayyoof ta’an akka isaaf ta’an
Yesuus wanta Waaqayyo qofaaf ta’uraawwateera.
1. Waaqayyoo wajjin tokko akka ta’e( Yoh.10:30;38;5:23;14:10)
2. Inni Waaqayyo akka abbaa isaa ta’etti fudhateera. (Luq.2:42-52; Mat12:48; Mar3:33-34). Inni tasumaa Yoosef akka abbaa isaa ta’etti hin beeksifne.
3. Inni akka Waaqayyo abbaan jaallatutti akka jaallatu ibse. (Mat.10:37-38; Luq.14:26)
4. Inni “Ani” jechuun jireenya isaa isa Waaqarraa mul’ise(Yoh.8:56-58;18:1-5)
5. Ilma Waaqaa akka ta’e , Waaqa akka ta’e (Yoh.5:25;11:4;Mar12:6). Hojiiwwan Kiristoos( The Work Of Christ):- “Atonement”