jigsa 0 Comments

Akkamitti Araara Yesus Kiristoosiin Jireenya Haaraa Argachuun Danda’ama?

Jireenya namummaa keenya keessatti yeroon itti gufannu, cubbuudhaan qabamnees qalbii keenyaan dhiphannu ni jira. Yeroo tokko tokko immoo jaalala Goftaa fi qulqullummaa Isaa yommuu yaadannu, imimmaan keenya to’achuu hin dandeenyu. Hafuurri Qulqulluun keessa keenyatti yoo nu gorse, yoo nu dheekkame yookiin yoo nu gaddisiise, sun mallattoo guddaa Goftaan nu jaallachuu fi nu dhiisuu daangaa maleessaati.

Har’a, isa darbe hundumaa duubatti dhiistees akkamitti araara fi dhiifama Yesus Kiristoosiin jireenya haaraa akka argattu haa ilaallu.

1. Waamicha Araaraa fi Qulqullinaa

Goftaan keenya Yesus Kiristoos yeroo nu gorsu yookiin dadhabina keenya nuitti agarsiisu, nu jibbe gara dukkanaatti nu gatuf miti. Inni kan dhufeef nu fayyisuuf, nu qulqulleessuu fi gara Isaatti nu deebisuufi.

Sageelee Macaafa Qulqulluu (Afaan Oromoo) keessatti Goftaan akka kana jedha:

¹ Yesus, “Mukichi waynii inni dhugaan ana, mukicha dhaabee kan eeguu immoo abbaaa koo ti.
² Damee utuu anatti jiruu ija hin godhanne, hundumaa in mura; damee isa ija godhatu hundumaa garuu, caalchisee akka inni ija godhatuuf irraa in qeexxa’a.

Yohannis 15:1–2

Cubbuun kee hammam yoo ulfaate, seenaan kee isa darbe hammam yoo dukkanaa’e, araarri fi dhiigni Yesus fannoo Golgootaa irratti dhangala’e sana hunda ni caala.

2. Dhiifama Guutuu fi Haaromsa Hafuuraa

2. Dhiifama Guutuu fi Haaromsa Hafuuraa

Hafuurri Qulqulluun yeroo waan hamaa tokko irraa nu dhowwu fi nu gorsu, Isa dhaga’uu fi ajajamuun baay’ee murteessaadha.

  1. Dhoksaa Malee Gara Isaatti Dhihaachuu: Balleessaa kee dhoksuuf hin yaalin. Isa dura dhaabbadhuu imimmaan kee fi gadda kee kadhannaadhaan Isaaf dhiyeessi.
  2. Kutannoodhaan Kutuu (“Delete” Gochuu): Waan jireenya kee balleessu, kan waamicha kee xureessu fi Hafuura Qulqulluu gaddisiisu hunda jireenya kee keessaa guutummaatti murii baasi. Goftaan humna ittiin irraa fagaattu siif ni kenna.

Akka Macaafni Qulqulluun dubbatutti:

“Cubbuu keenya yoo isatti himanne, inni amanamaa fi qajeelaa waan ta’eef, cubbuu keenya nuuf in dhiisa, jal’ina keenya hundumaattiis nu qulleessa.”

1 Yohannis 1:9

3. Muka Wayinii Dhugaa Waliin Qabamuu

Jireenya haaraa fi ija hafuuraa argachuuf siriitti kan nu barbachisu Goftaa waliin tokkummaa uumuudha.

Ani muka waynichaa ti, isin immoo damoota isaa ti; inni anatti qabatee jiraatu, anis isatti jiraadhu, isa ija baay’ee kan godhatu; anattii gargar baatanii waan tokko illee gochuu hin dandessan.”

Yohannis 15:5

Anaan ala waan tokko gochuu hin dandeessani yommuu jedhu, humna keenya qofaani cubbuu mo’uu fi jireenya qulqullummaa jiraachuun akkam akka ulfaatu nu yaadachiisa. Garuu Hafuura Qulqulluutti aannuudhaan, kadhannaa fi Sagalee Isaa dubbisuudhaan ija gaarii jireenya keenya keessatti arguu dandeenya.

Kadhannaa Har’aa

Goftaa Yesus, araara fi jaalala kee isa daangaa hin qabneef galanni siif haa ta’u. Dadhabina fi cubbuu koo hundumaaf dhiifama naaf godhi. Hafuura Qulqulluu keetiin qalbii koo haaromsi. Har’a waan hunda duubatti dhiisee, akka damee Muka Wayinii keetti Isatti aanee ija gaarii akka godhadhuuf humna naaf kenneera. Amin.

Leave a Comment