Barumsa Afuuraa Kiristaanaa (Christian Theology)
Waldaa Kiristaanaa Ishee jalqabaa Waa’ee Sadan tokkummaa Waaqaa Ilaalchisee Walgahii godhanii fi Murtee godhame
Bara duriitti barsisa sobaa sirreessuuf wal gahiin garaa garaa ta‘ee ture. Kanneen kessaas:
1. Wal gahii Niiqiiyaa:-bara 325 tti kan godhame yoo ta‘u namootni wal gahanii turanis baay‘inaan 318 turan.Dhimmi wal gahichaaf ilma kan ilaallate dha.Murteen isaaniis Ilmi Abbaa wajjin amala tokkicha akka qabu labsuun Aariyoosiin yeellasisan.
2. Wal gahii Qusxinixiiniyaa:- inni kun immoo bara 318 tti kan adeemsifame yoo ta‘unamoota 150 ta‘antu wal gahee ture. Murteen isaanis Hafuura Qulqulluu kan ilaallatu ture.Kunis Hafuurri Qulqulluun Waaqa akka ta‘e ibsuun barsiisa maqidiiyuniiyaasin yeellaasise.
3. Walgahii Efesoonitti godhame:- bara 431 kan godhame yoo ta‘u gara namoota 200 tu irratti hirmaate. Wal gahii isaanii irrattis kan ka‘ee waa‘ee Yesuus Kiristoos. Murtee isaanii irrattis Yesuus guutummaatti Waaqa akka ta‘e cimsuun barsiisa nisixiroosiin buusheessan.
4. Wal gahii Keliiqeedon:-bara 451 ti kan adeemsifame yoo ta‘u namoota 630 tu irratti hirmaate walgahichaan murteen darbes amala Yesuus irratti. Kunis Yesuus qaama tokkoon amala lama akka qabu;amaloonni kunniins kan wal hin maknee fi kan hin jijjiiramne ta‘uu cimsanii barsiisa Awuuxaakeen busheessan.
Waldaa Kiristaanaa ishee duraa keessatti waa’ee sadan tokkummaa Waaqaa ilaalchisee walgahii fi murteewwaan ta’an
Waligahiin kan itti godhame
| Lakk. | Bakka | Bara | Baay’ina miseensotaa | Murteewwan Dabarfaman |
|---|---|---|---|---|
| 1 | Niqiiyaa | 325 | 318 | Ilmi abbaa wajjin amala tokko qabaachuu( the same substance with the father) ibsuun barsiisa Oriyos fashaleessan |
| 2 | Qusxinixiiniyaa | 381 | 150 | Waaqummaa hafuura qulqulluu cimse |
| 3 | Efesoon | 431 | 200 | Yesuus waaqa guutuu akka ta‘e cimsee barsiisa Chayennsitiroos fashaleese |
| 4 | Kiilitedoon | 451 | 630 | Kiriritoos amala lama qabaachuu fi amalli lamaan kunnin kan wal hin makne ta‘uu cimsee, barsiisa Cheyeawexaakeen fashaleesse |
Dhugaa Sadan Tokkummaa
Osoo tokko ta‘uu sadii kan ta‘e, osoo tokko ta‘uu sadii kan ta‘e jechuu dha yeroo sadan takkummaa (Silaasee) jennuu. Dhugaan kun bara baraf kan jiraataa turee fi fuuldurattis kan jiraatuu dha. Kana immoo Macaafa Qulqulluu irraa salphaatti hubachuu dandeenya. Kanaafuu wantoota araamaan gaddiittii tarreefaman sirrittii hubachuudhaaf haa yaaluu.
Tokkummaa Waaqayyoof wabilee
Barumsa sadan tokkummaa Waaqaa kan sirriitti hubanne yoo ta‘e , Waaqayyo Waaqa tokkicha akka ta‘e dha.Sagaleen Waaqayyoo akkas jedha; Kes4:35; 6:4 irratti ― Yaa Israa‘el dhaga‘I Waaqayyo gooftaan kee, Waaqayyo isa tokkicha dha‖, Kes.32:39, Isa 45:14, Efe.4:3-6, Yaaqob2:19, 1Xim.2:5, Mar.12:29-30.
Afaan Ibiraasxi keessatti tokkummaa ibsuuf jechoota lamatu hojii irra ooler. Isaanis: (1) EEKAAD: - walitti dhufeenya qoomotaa kan agarsiisu dha.Uma.2:2, Isa.45:4-6, 2122,44:68, 1Xim 2:5, 1Qor.8:6, Rome 3:30, Yaq.2:30
(2) YAACHAAD: jechaan kan barreeffamu tokkummaa kan agarsiisu dha.Waaqayyo saba Israa‘el biyya Gibxii yeroo baasetti ―ana malee Waaqa biraa hin qabaati ―kan jedhu ajaja kenneef ture.Bau.20:3. Sabni Israa‘el biyya Gibxiin bahuun Waaqa tokkicha kan ta‘e Waaqayyoon akka waaqessaanii fi isa qofaaf aarsa akka dhiyyeessa niif. Akkasumas saba biraatti akka beeksisaniif.Sababni isaas sabi biraan waaqolii biraa waaqessaa waan turaniif.Waaqolii biro kan jedhaman keessaa:
Moolook ( 1Mot.11:7)- waaqa Amoonotaati
Ba‘aal ( Abo. 2:13, 6:25) – waaqa warra Kana‘anotaati
Beel fi Meerodaakaa( Erm.50:2) waaqolee warra Baabiloon.
Adiraameelek fi Anemeelek :- waaqa namoota seferwaam ( 2Mot.17:31)
Daagon:- waaqa warra filisxeemotaati ( Abo.16:23)
Giiftii samii- Erm.7:18, 44:17-19
Diiyoosqoroos :- Hoe. 28:11
Kanaafuu Waaqayyo waaqolii kan biro irraa waaqa adda ta‘e dha; inni qofti Waaqa dhugaa akka ta‘e saba isaa Israa‘el gidduutti of mul‘isuu barbaade.
Waaqayyoo kannen armaan olitti tarreeffamaniin ol.Itti aanaanii kan dhufan kutaan Macaafa Qulqulluu kan dhugaa bahu.1Sen.16:25-26 , Waaqayyo waaqa guddaa waaqolii biro olitti kan sodaatame dha.Hoe.19:26, Iyuel.2:27, Bau.15:11.
Yaa Israa‘el dhagahi Waaqayyo waaqni keenya tokko (Kes.6:4) kan Israa‘elli yeroo hundaa dubbatanii dha. Waaqayyo amalaan, waaqummaan tokko, Bau 20:4, Kes.6:6, Isa.43:10, 1Qor.8:4, 1Xim.2:5, Efe. 4:6, Yoh. 10:30, Mar.12:29-30, Yaaqob 2:19.
Waaqayyo Kakuu Abrahaamiif galee yaadee saba Isra‘eliin biyya Gibxii baase; ana malee waaqa biraa hin qabaatin jechuun jech ‗Iikaad‘ jedhuun ibse.Ilmi yeroo bishaaniin cuuphamu, Hafuurri Qulqulluun yeroo irra dhufu, Abbaa immoo yeroo sagalee dhageesisu argina .Haaluma wal fakkaatuun Mat.28:19 akkas jedha gara biyya lafaa deemaa maqaa Abbaa , kan ilmaa fi Hafuura Qulqulluun cuuphuun duuka buutota koo godhaa.Bakka kanatti qaamni sadanuu yeroo tokkichatti ibsamaniiru;walqixa.Kunis maqaan sadii waamamee osoo jiruu akka seerluga afaaniitti xumurtuu baay‘inaa fayyadamuun osoo irra jiruu baaqqe yoo fayyadamu argina. Kunis tokkummaa sadaniin agarsiisa. Akkasumas 2Tes.2:16-17 irratti ― Ammas gooftaan keenya Yesuus Kiristoos Waaqayyo abbaan keenyaas inni nu jaallate, ayyana isaatiinis jajjabina barabaraa fi abdii gaarii nuuf kenne‖ jechuun bakka kanati walqabsiistuu ‗fi‘ jedhuun qaamaan lama ta‘uuf amalaan tokko ta‘uu hubanna. Kuni silaaseen qaamaan tokkoo ol ta‘uu ibsa.Kan malees sadan tokkummaa waaqaa ifa ta‘ee Macaafa Qulqulluu keessatti kan mul‘ate:
A. Kakuu Moofaa keessatti fayyisaa kan jedhame Waaqayyo(Yahiwwee) dha.Kakuu Haaraa keessatti maqaan kun Yesuus Kiristoos ta‘e ( Far.78:35, Isa. 41:14, Mat. 1:23, Luq.1:76-79,2:17).
B. Kakuu Moofaa keessatti Waaqayyo laphee amantootaa keessa kan jiraatu (Yahiwwee) ture. Kakuu Haaraa keessatti laphee amantootaa keessa kan buufatu Hafuura Qulqulluu dha. ( Far. 74:2, 135:21, Zak. 2:10, Rome.8:9-11, 1Qor.3:16.
C. Kakuu Haaraa keessatti Waaqayyo ilma isaa ergeera Yoh. 3:16, Ibr 1:6,
D. Waaqayyo Ilmi immoo Hafuura Qulqulluu ergeera Yoh 15:26, 14:16, 14-26, gal 4:6 luq 24:49, 1yoh 5:6-7,
E. Abbaan ilmatti dubbateera ,Mar.1:11, Luq.3:22.
F. Ilmi Abbaa waliin yeroo haasa‘u walitti quunnamtii gochaa ture Mat. 11:25-26. Yoh.11:41, 12:27-28.
G. Amantoota keessaa hafuurri qulqulluun gara abbaatti kadhata rome.8:26 Sadan tokkummaa Waaqaa ibsuuf Gabatee armaan gadii hubadhu.
Ibsa Aangoo Fi Waaqummaa Wal-qixxummaa Sadan-Tokkummaa
| Lakk. | Sadan tokkummaa Waaqaa | Abbaa | Ilma | Hafuura Qulqulluu |
|---|---|---|---|---|
| 1 | Waaqa | Yoh.3:16, Hoe.3:13, Rome.1:7 | Yoh.1:1, Ibr.1:8 | Hoe.5:3-9, 2Qor.3:17 |
| 2 | ||||
| 3 | Kan barabaraati | Far.90:2 | Mul.1:18 | Ibr.9:14 |
| 4 | Hundaa danda‘a | Uma.17:11, Yoh.5:21 | Yoh.6:44,5:21, 1Xim.6:15 | Zak.4:6, Hoe.1:8Rome 15:19 |
| 5 | Walakkaan Ariyaaniizim | Gorgooriiyus | Kiristoos akkuma Abbaati garuu irra xiqqaata. | |
| 6 | Hin jijjiiramu | Yaaq.1:17 | Yoh.8:58, Ibr 13:8 | Yoh.14:16,Isa.11:2, 1Qor.2:11 |
| 7 | Waan hundaa beeka | Erm.17:10,Mar.6:2930, Hoe.1:24 | Yoh.8:58, Ibr 13:8 | |
| 8 | Bakka hundaatti argama | Erm 23:24 | Yoh.2:25;18:4, Mul.2:23 | Far.39:7 |
| 9 | Qulqulluu dha | Mul.15:4 | Mat.18:20,28:20 | Qulqulluu Hafuuraa |
| 10 | Dhugaa dha | Yoh.7:28,17:3 | Hoe.3:14,Mul.3:7 | Uma.1:2 |
| 11 | Arjaa dha | Rome 2:41,Nah.1:7 | Yoh.14:6,Ibr.1:2-3 | Ibr9:14 |
| 12 | Uumuun | Far.102:25 | Yoh.10:17-18 | 2Qor.3:6 |
| 13 | Du‘aa Fannoorraa | Far.22:15 | Gal.2:20 | |
| 14 | Jireenya kennuun | Yoh.3:16, Hoe.2:24,Yoh.5:21 | Yoh. 5:21 |
Continue Reading