Barsiisa Sobaa (Cults)
Seensa (Introduction)
Bu’ura barsiisa sirrii kan Macaafa Qulqulluun mirkanaa’e jedhamu:
Barsiisa sadan tokkummaa Waaqaa kan amanu.
Fayyinni barabaraa fannoo Yesuus irratti akka raawwatame.
Yesuus nama ta’ee akka mul’ate garuu Waaqa akka ta’e.
Yesuus warra du’an keessaa foon hin duunni uffatee akka ka’e.
Amantoonnis du’aa akka ka’an.
Barsiisa Amantii Sobaa (Cults/Heresies) Amantii sirrii ta’e keessaa kan bahan dha. Amantii ykn barsiisa sirrii kan ganan dha.
Ofii isaanii qofa Kiristaana sirrii godhanii kan lakkaa’an; dhaabbata isaanii qofaan barumsa kennamuu kan hordofan. Macaafa Qulqulluu ni amanu; itti fayyadamus garuu yaada tokko ykn isaa ol Macaaficha keessaa ni ganu.
Waldaan Kiristaanaa ishee yeroo jalqabaa haalli itti hubatte haala nuti itti hubannu irraa adda ture. Kunis Barumsa Bu’uuraa kiristaanummaa irraa adda kan ta’e hunda akka barumsa sobaatti fudhatti turte (Hoe.24:14) Wanti isaan barsiisanii fi shaakalan kan wal fakkaatu dha.
Waa’ee barsiisa sobaa qo’achuun maaliif barbaachise?
Macaafni Qulqulluun xiyyeeffannoo guddaa waan itti kennuuf. Fakkeenyaaf
: Tiksee sobaa (Yoh.10:12; Isa.50:6) jiru.
Raajoonni Sobaa (KesD.13:5; 18:22; Mat.7:15; 24:11 Mar.13:22) jiru.
Barsiisota Soba (Mat.5:19; 15:9 1Xim.1;7; 4;2; 2Xim.1:11) akka jiran
Gooftaan Yesuus yeroo barsiisetti barsiisota sobaa fi tiksee sobaa baay’ee wajjin yeroo dabarseera,
dhuma irratti du’aaf geessisan.
Bartoota isaas akeekachiisee ture ( Mat.24:15, 7:15-23) Waldaan Kiristaanaa waa’ee amantii ykn barsiisa sobaa hubattee miseensota ishees gara dhugaatti fiduun jabeesitee akka dhaabdu gargaara
Amala Amantoota Sobaa Baayyeen isaanii:-
1. Sadan tokkummaa Waaqaattii hin amanan.
2. Fayyina Lubbuu ilaalchisee ilaalcha garaa garaa qabu malee Yesuusitti amanuu qofti hin ga’u.
3. Du’aa ka’uu Yesuus irratti dogongora qabu; fooniin hin kaane hafuuraan ka’e kan jedhan jiru.
4. Aboo macaafa Qulqulluu ganu; dogongora qaba kan jedhan jiru, barsiisa isaanii waliin walsimsiisuun hiikaa itti kennu akkasumas Macaafni Qulqulluun qofaa gahaa miti jechuun barreefama mataa isaanii itti maku(Fkn .Mormon).
5. Jechoota Macaafa Qulqulluu keessaa akka galumsaa fi haala sirrii ta’een hin hiikan.
6. Dhaabbani tokkichi kan isaanii qofti sirrii akka ta’etti fudhatu; kaan akka dogongoraatt.Kunis akka dhaabbata Waaqaa godhanii. Fkn (Joheva Witness;Watchtower Bible and Tract Society).
7. Barsiisa isaaniin kan faallessuu Macaafa Qulqulluu keessatti irra darbu ykn ni salphisu.
8. Waa’ee firdii bara dhumaa yaada garaagaraa qabu malee dhugaa Macaafa Qulqulluu irratti miti kan hundaa’an. Fkn. Universalism- namni hundinuu ni fayya jedhu. Annihilation –cubamoota hinumaa in balleessa Waaqni malee firdiin hinjiru.
9. Dinqii fi Milikkitootaaf bakka guddaa kennu . Hubadhu Waaqayyoo karaa sirrii ta’ee kana gochuu ni danda’a; barbaachisaa dha. Garuu seexxannis karaa dogogoraa ni raawwata (2Tes.2:9).
10. Hiikaa Macaafa Qulqulluu sirrii ta’e hi hordofan. Fkn Jecha, hima akka galumsaatti hin hiikani.
11. Iddoo gudaa kan kennan haala uffanaa isaanii fi seeraa amantii isaanii malee , ol
aantummaa Macaafa Qulqulluuf miti.
Amantii tokko tokko amantii dhugaa ti jechuunis amantii sobaati jechuunis kan nama dhiban immoo jiru. Sadan tokkummaa Waaqaa kan amanan ,garuu karaa ifaa ta’een fayyina lubbuu kan hin barsiifne, akkasumas xiyyeefannoo guutuun Yesuusin kan hin lallabne garuu kan hi ganne.
Mee amma immo barsiisa sobaatti jedhaman kan lakka’aman keessaa muraasa haa ilaallu.
1. Dhuga Baatota Yihuwaa Warra Ofiin Jedhan (Jehovah Witnesses)
Jalqaba isaanii ilaalchisee Chaarles Taaz Raasil nama jedhamuun eegalame. Namichi kun jalqaba maatiin isaa amantii sirrii warra qabanii fi kan jireenya hafuuraattis jabaatan turan. Innis fedha Macaafa Qulqulluu qo’achuu kan qabu ture. Haaluma kanaan garee tokko osoo qo’annaa Macaafa Qulqulluun geggeessuun karaa sirrii irraa kaate,achii tiksee ta’uun garee kana fuudhee bahe bara 1876 A.L.A.Barsiisa isaa keessatti waa’ee bara dhumaa raajii sobaa raajera.Kunis Kiristoos dhoksaatti dhufeera hafuuraa , yeroo beekamaa kaa’ee bara1874.Sagalee Waaqayyoo jallisuun barsiisera. Achii booda barreffama garaagaraa qopheessuun Macaafa qulqulluu waliin akka qo’atamu godhee bu’uura buuse. Isaan kun addunyaa irratti namoota baay’ee lallaba amantii isaanii irratti bobbaasuun kan beekamanii dha.Baay’inni isaanis akka malee kan guddataa deemed dha.
Dhaabbata ‘Watchtower Bible and Tract Society ‘ jedhu jalatti walitti qabamuun kan geggeefamu dha.
Itoophiyaa jalqaba kan seene bara 1935 yoo ta’u yerooma sana ari’atamin irra gahee biyyaa bahaan.
Ifatti labsuu kan eegalan , Itoopiyaa keessatti bara 1950 kaasee ti.
Akka warra amantaa kana hordofaniitti:
Mana Amantaa Dhugaa tokkicha kan isaanii qofa; Waaqayyo kan qindeessee dha jechuun amanu, sunis “Watchtower Bible and tract society” kan jedhu jalatti.
Sagalee Waaqayyoo kan ta’e Macaafa Qulqulluus qo’achuu kan qaban waliin ta’e akka adeemsa dhaabbatichaa ti malee dhuunfaan hin dandaa’amu. Macaafa Qulqulluu mataa isaanis(NWT) qopheefatanii qabu; miseensi hundi isa fayyadamuu qaba. Miseensi isaanii hundi barreefama dabalataa hordofuu qaba;kan dhaabbatichi qopheessu , Macaafni Qulqulluu qofti gahaa miti.
Isaan malee kan jireenya barabaraa argatus hin jiru jechuun amanu.
Maqaa Waaqayyo ittiin waamamuu qabu, “YHWH” kan jedhu irraa ka’uun Yaahiwwee jechuu qabna malee Waaqayyo jennee waamuun sirrii miti jedhu. Kunis isa Waaqayyo Musee ti dubbate (Ba’uu 3:15) bu’uura godhachuun.
Fayyinni barabaraa kan argamu dhaabbata kanaaf ajajamuun akkasumas maqaa Waaqayyo Abbaa labsuun akka ta’e amanu.
Sadan tokkumaa Waaqaa (trinity) hin amanan. Yesuus uumaa osoo hin taane uumama; hafuurri qulqulluun humna Waaqa Abbaa keessaa bahu dha jechuun fudhatu. Kan hubachuu qabdu jechoota kanneen bira hin darban akkuma sirriitti dubbisu;garuu haala sirrii hin taaneen hiiku.
Yesuus warra du’an keessaa kan ka’e hafuuraan jedhu.
Firdii kan jedhamu warri fayyanii lafuma kana irra bara baraan jiraatu;cubbamtoonnii immoo akkuma horii du’anii hafu malee firdiin biraa hin jiru jedhu.
Yesuus fooniin deebii hin dhufu; mootummaa isaa tu ardii bita malee jedhu.
Waaqayyo kadhannaa kan dhagahu “Yaawhiwwee’’/Hewwaa’’ jennee yoo waamne qofa jedhu.
Akka barsiisa isaaniiti Macaafa Qulqulluu keessaa maqaa Waaqayyoo isa sirrii kan balleessaan warra Ibrootaati yeroo galalchan jedhu.
Continue Reding