OromoBibleStudy

You Can Learn Any Thing For Free

Furtuu Kakuu Haaraa (New Testament Survey)


Ka’umsaa fi Mo’achuu Herodiyoos

Hiiraaqonni lubas geggeessaas ta’ee ture. Haa ta’u malee aboon mootummaa isaa Antipaatar biratti fudhatamu fi dhagahaamuutu irra ture. Antipaatar Amantii Yihuudootaa nama fudhate ture. Antipaatar yemmuu du’utti Heroodisii fi Faasi’el kan jedhaman ijoolleen isaa bakka bu’anii mootummaa abbaa isaanii dhaaluuf waraaqaa turan. Haa ta’u malee Awugaasxoos Qeesaar kan jedhamu hero diyaosiif deggersa godhee, Herodiyoos aboo qabate. Yeroo Kiristoositti Israa’el bittaa mootii Pheenxanaawii Phiilaaxos jala turte Mat 27:11. Akkaataa qajeelfama bittaa warra Roomaatti, sabni bittaa jala jiru gonkuma mirgi amantii isaa hin dhiibamu ture. Mootummaa Roomaan daandiwwan hojjetaniiru, gamoowwan ijaaramaniiru, karraan daldalass babal'ataniiru.

Walitti Bu’iinsa Yihuudootaa fi Warra Roomaa

Warri Roomaa Paalasitiinaa yoo ta’ataniyyuu, mormiin cimaa ta’e gama Yihuudootaan irratti ka’aa ture. Sabni Yihuudootaa bittaa warra Roomaa jalaa kan isaan baasu ergama siyaasaa kan qabu Mesihiin in dhufa jedhanii eegaa turan. Kana irraa kan ka’e ‘Ani Masihii dha’ kan jedhan baay’een ka’uu dhaan nagaa fi tasgabbii dhabsiisaa turan. Warri Roomaa kallattiin kan balaaleffatan garee zeelota (innaaftota) sababni isaa gareen kun kallattiin gibira kaffaluun warra Roomaaf hin ta’u jedhanii waan mormaniif. Karaa biraan immoo dura buutonni lubootaa fi saduuqonni warra Roomaa wajjin walii galu turan. Keessattuu Haanna, dura buutuu lubootaa, aboo erga warri Roomaa kennaniif kaasee, abo qabeessa warra Roomaa wajjiin akka hojjetuuf fedhii guddaa qabu turan. Garee Herodiyoos jedhamuun kan beekamanis akkasumas warra Roomaa waliin shirkaa’anii turan. Namoonni baay’een Yesuus Kiristoos saba tokko haala siyaasaan geggeessa jedhanii eegaa turan. Koroora isaanii keessa garuu Yesuus waan hin galeef, kana yemmuu hubatan isa irraa baqatan. Yoh 6:15, Yeroof Yihundootaa fi warra Roomaa giddutti wal dhabbiin ture yemmuu Yesuus fannifametti isaan waan gargare fakkaata Philaaxos haala rakkisaa yeroo sana ture irraa kan ka’e hojii isaa sirriitti hojjechuu hion dandeenye ture. kanaaf Yesuus akka fannifamu gochuun dirqama itti ta'eera.

Wangeela Warra Roomaa Biratti

Macaafni Hojii Ergamootaa akkamitti wangeelli biyyoota bittaa Roomaa jala turan waliin gahe kan ibsu dha. Bittaa warra Roomaa biyya Girikootaa keessattis argina. Hojiin ergamootaa Eesiyaa ishee xiqqoo iddoo jedhame keessatti wangeelli yemmuu qaqqabetti waan ta’e ibsa. Eesiyaa ishee xiqqoo kan jedhamtu biyya qaroomina Girikii keessaa ishee handhuuraa yemmuu taatu, Kiristaannoon keessatti argaman ormoota irraa kan dhufan turan. Bittaa Roomaa isa beekamaa keessatti Amantiin Yihuudotaa seeraan fudhatama kan qabuu fi kan eyyamameef ture.

Ari'atamuu Amantotaa (Persicution of Christians)

Bara 64 Dh.K.B yeroo magaalaan Roomaa gubatetti Neeroon Kiristaannonnni akka itti gaafataman godhe. Haalaa nama gaddisiisuun kiristaanota baay’ee ajjesse. Kana irraa kan ka’e ari’atamin kiristaanota irratti ka’e. Bara 66-70 Dh.K.B/70 Veesigaashin kan jedhamu Qeesar ilmaa fi geggeessaa hoomaa waraanaa kan ture Tiitoo duula gochuun Yerusaaleemiin yemmuu qabatanitti manni qulqullummaa. Herodiyoos guutumma guutuutti gubate. Room yeroo kanatti kan lubbuu ballesitu jedhamte.

Amantii Yihuudotaa

Yesuus fooniin Yihuudota irraa dhalachuun, waldaan kiristaanaas dachee Israa’el irratti jalqabuunii fi amantoonni jalqabaas Yihundota ta’uun, ergaa kakuu Haaraa sirriitti hubachuun waa'ee bu'uura Amantii Yihuudootaa hubachuunis barbaachisaa dha.

1. Amantii Yihuudolaa fi Dhaabbatoota Mana Qulqulummaa (Temple)

Yeroo tajaajila Yesuusitti maqaa Heroodiyoosiin kan waamamu mana qulqullummaa guddaatu ture. Inni jalqabaa mana qulqullummaa Solomoon, dhaloota Yesuus dura bara 586 Dh.K.D. warra Baabilooniin yoo diigame illee yeroo lammaffaa Zerubaabeliin ijaaramu, jalqabe, israa’elota marsaa duraa boojii irraa deebi’aniin xumurame. Manni Qulqullummaa inni boodaa Antiyooki isa 4ffaan kan xuraa’e yoo ta’u baroota keessatti diigamuun irra gaheera. Ammas bara 20 Dh.K.D. Herodiyoosiin kan haara’e yoo ta’u, irra deebi’anii ijaaruuf waggoota 46 kan fudhate ture. Manni Qulqullummaa Herodiyoos dursa kan turee wajjin wal fakkii qaba. Karra baay’ee yemmuu qabaatu, warri ormootni akka hin seenne kan dhorku ture, girgiddaan jirus. Bakka qulqul’aa iddoo baay’ee qulqul’aa irraas wanti itti golgaa guddatu ture. Seerri mana qulqullumichaas geggeessaa dura buutun lubootaan kan geggeeffame ture. Tokkoo tokkoon dhiira Israa’el waggaa waggaan Gibira mana qulqullummaa kaffaluutuu irraa eegama. Qarshiin walitti qabamus ijaarsamana qulqullummaa fi miindaa lubootaaf oola ture. Manni Qulqullummaa kun yeroo yesuus biyya lafaa irra turettis kan hin xumuramne (Yoh 2:20). Bara 64 Dh.K.B. yoo xumurame iyyuu waggaa 6 booda warra Roomaatiin barbadaa’era. Yesuus yeroo fooniin lafa irratti turetti barttoota isaa kan ajaa'ibsiisaa ture mana Qulqullummaa kana ture(Mar 13:1)

Mana Sagadaa (Sinaguage)

Mannii Qulqullummaa tokko qofa yemmuu ta’u, mandarri tokkoo, tokkon isaanii mana sagadaa mataa isaa qaba ture. Manni sagadaa Yihuudonni walitti qabamanii bakka itti sagadanii fi seera macafaa itti qo’atan ture. Jalqabni isaa bara boojii’amuun kan walqabate ture. Yeroo santti mana qulqullummaa keessatti sagaduu fi aarsaa dhiyyessuu waan hin dandaa’amneef, sanbata mana sagadaa keessatti walitti qabamuun macaafa seeraa fi rajootaa dubbbisuu fi dhaggeeffachuun tureera. Akkasumas kadhannaa dhi’eessaa turan. Waaqeffannaa akkasii booji’amuudhaa erga deebi'anii boodas yihuudonni itti fufaniiru.

Seeraa fi Aadaa

Israa’eloonni bara Museetii kaasee seera akka qaban beekamaa dha. Booji’amuun booda ykn bara Izraatii kaasee seerichaaf bakka guddaa waan kennaniif Yihuudonni saba Macaafaa jedhamuun waamamaa turan. Seera kana cimsanii qabuu irraa kan ka’e aadaa bultumaan walqabate illee itti dabalaniiru. Yeroon booda seera isaaniin walqixa ilaalamaa ture. Fakkeenyaaf guyyaa sanbataa akka hin hojjene dhowwamanii turan. Haamuu, midhaan rukutuu, kuduraa kutanii nyaachuun hundi guyyaa sanbataa irra akka hin taane dhorkamanii turan (Mar 7:1-13, Mat 23:23)

2. Gareewwan Amantii Yihuudotaa fi Sochiiwwan Isaanii 1) Saduqoota

Bara Yesuusitti garee Yihuudota keessatti argaman keessaa inni guddaan tokko Saduqootaa turan. Gooftaan yemmuu lafa irra turetti fudhatamin isaanii gad bu’aa yeroo itti deeme ture. Jalqaba irratti siyaasa keessatti iddoo guddaa qabachuu irraa kan ka’e saduqoonni abbootii lafaa turan. Bulchiinsa shangoo Yihuudotaa keessatti Fariisota irraa kan hin xiqqaanne bakka qabu turan. Hoe 23 : 6-10 baay’inaan dura buutonni lubootaa sadu qoota turan.

Amantii isaanii

Oduu duriitti hin amana; du’aa ka’uutti hin amanan; aboo ergamoota atti hin fudhatan; seera musee qofa fudhatu; innumaayyuu hiikaa kallattii isaa hordofu.

2) Faarisota

Faarisotni dhalootaKiristoos dura jaarraa lammaffaa keessa Hosiidim kanneen jedhaman keessaa kan bahan turan. Ka’umsi isaanii bara Girikootaatti innaaffaa guddaa amantii isaaniif qaban irraa kan burqe dha. Seeraa fi heera isaa haala baay’ee ibsameen hordofuuf kan carraaqan turan. Namoota biro irraa hanga fagaatanitti of eeggatu turan. Ilaalcha isaanii kana ture ofii isaanii kanneen biro irraa adda godhanii akka qulqullootaatti akka of ilaalaniif qormaataa kan itti ta'e. Faarisonni Saduuqootaa wajjin waliin hin galan turan.

Amantii isaanii

Aadaa abbootii isaanii in eegu, du’aa ka’uun akka jiruu fi firdiin bara baraas akka jiru in amanu. Seera Musee, macaafota seenaa, Macaafota raajii akkasumas 39n macaafota kakuu moofa walqixa aboo qabeessa akka ta'anitti fudhatu.Dhufaatii Masihii eegaa turan.


Continue Reading