Kitaaboota Seeraa (Pentateuch)
Seensa (Introduction)
KITAABOTA SEERAA (PENTATEUCH)
As keessatti kitaabota seeraa kanneen jedhaman irratti xiyyeeffachuudhaan seera mootummaa Waaqayyootii fi midhaagina inni qabu ilaalla. Kitaabonni seeraa (Pentateuch Books) kanneen armaan gadii of keessaa qaba:
Macaafa Seera Uumamaa
Macaafa Seera Ba’uu
Macaafa Seera Leewwotaa
Macaafa Seera Lakkoofsaa fi
Macaafa Seera Keessa Deebii ti.
Kitaabonni kunniin “Kitaabota Muusee” jedhamanii Yihudoota biratti beekkamu. 2Sen 25:4, Izi 6:18, Neh 13:1. Garuu yeroo baay’ee muuseen Namoonni bara kana hin turre jechuudhaan falmii kaasu. Kitaabota kana Muuseen akka barreesse ragaaleen jiran
1. Seenaa macaafa Seera Uumamaa keessatti barraa’e dhalachuu Muusee dura waggaa 300 yoo ta’es Waaqayyo kallattiidhaan muuseedhaaf ibseera.
2. Kitaabota Seera Uumamaatii kaasee hamma Seera Keessadeebiitti jiran Yihudoonni kitaabota Muusee jedhanii waan waamaniif.
3. Amalli barreeffamaatii fi haalli inni kitaaba tokkorraa gara tokkotti ittiin ce’u Walitti galuun isaa Muuseen akka barreesse mul’isa.
4. Kitaabonni kun mataasaaniitiiyyuu Muuseen akka barreesse dubbatu (Ba’u 17:14, Lakk 33:1-2).
5. Kitaabonni biraas Muuseen akka barreesse dubbatu (Isa 1:7-8, 1Mot 13:2).
6. Kitaabonni kakuu haaraas Muuseen akka barreesse dubbatu ( Luq 24:27, Yoh 7;19).
7. Museen akka barreesse dhuga baatuun ijaa turaniiru (Ba’u 15:27, Lakk 1:31).
8. Jechoonni, afaaniin fi aadaan Gibxii asi keessatti calaqqisuu isaa ti.
A. Seera Uumamaa
Kitaabni kun Waaqayyo aalfaa fi omeegaa akka ta’e, jalqabaa fi dhuma kan hin qabne akka ta’e, uumamni garuu jalqabaa akka qabu nu hubachiisa. Kana jechuunis:
Jalqaba wantoota lubbuu qabanii
Jalqaba gaa’elaa
Jalqaba Cubbuu ilma namaa
Jalqaba abaarsaa fi k.k.f ibsa.
Luqqisii ijoo macaafa Seera Uumama: (Uma 2:4) “Seenaan uumama waaqaa fi lafaa akka kana ture”. Kaayyoo macaafa Seera Uumamaa:
Waaqayyo cubbuurraan kan hafe jalqabaa waan hundumaa ta’uusaa
Uumaa uumamaa, uumaa ilma namaa, hundeessaa Maatii fi madda saba Israa’el ta’uu isaa ibsa (Isa 51:2).
Namoota gurguddoo torba macaafa Seera Uumamaa keessatti argaman:
1. Abeel: Aarsaa dhi’eessuudhaan beekkama
2. Heenook: Adeemsa isaa Waaqayyo wajjiin godhachuudhaa
3. Noohi: Addunyaa cubbuudhaan guutamte keessatti Waaqayyoodhaaf ajajamee waa’ee qulqullummaa labsuudhaan
4. Abrihaam: Waaqayyo amanee sabasaa dhiisee karaa eebbaa nama hundumaaf ta’uudhaan
5. Yisihaaq: Waaqayyo waaqa eebbaa ta’uusaa beekuudhaan amantiidhaan boolla bishaanii qote
6. Yaa’iqoob: Ulfina Waaqayyoo arguudhaan
7. Yooseef: Cubbuu kan jibbu nama Waaqayyoo isa dhugaa ta’uudhaan.
Adeemsa Seenaa macaafa Seera Uumamaa keessatti:
1.Addaamii kaasee hamma Nohiitti ( Uma 1- Uma 11)
Uumama
Kufaatii
Bishaa badii
2. Adeemsa Seenaa Maatii Abrihaam (Uma 12 – 25)
Waamamuu Abrihaam
Badii Sodoom
Abrihaam ilmasaa aarsaa dhiheessuu
3. Adeemsa Seenaa Maatii Yisihaaq (26 – 36)
4. Adeemsa Seenaa Maatii Yaa’iqoob (37- 50)
Lakkoofsa baraa Seera Uumamaa keessatti:
1. Uma 1-11: bara hin beekamnee dha.
2. Waamamuu Abrihaam: 2000 B.C
3. Yoseef gara Gibxii bu’uusaa: 1875 B.C
4. Uumama boqonnaa 50: 1700 B.C
Kakuu Waaqayyo Seera Uumamaa keessatti raawwate:
1. Edenitti: Uma 1:28-30, 2:15-17
2. Addaam wajjiin: Uma 3:15
3. Nohi wajjiin: Uma 8:20-22
4. Abrihaam wajjiin: Uma 12:1-2, 13:14-17, 15:1-8
Qoqqooddaa macaafa Seera Uumaa:
Wantoota adda addaa irratti hundaa’uudhaan qoqqooduun ni danda’ama:
A) Taatota irratti hundaa’uudhaan
Uma 1: Waaqayyoo
Uma 2-5: Addaam, Hewaan, Seexana
Uma 6-10: Nohi
Uma 11-23: Abrihaam
Uma 24-27: Yisihaaq
Uma 28-35: Yaa’iqoob
Uma 36: Eesawuu
Uma 37-50: Yooseef
B) Ta’iiwwan garaagaraatiin:
Uma 1-2:
Uma 3-5:
Uma 5-9:
Uma 10-11:
Uma 12-38:
Uma 39-50:
C) Bakkarratti hundaa’uudhaan
Uma 1:
Uma 2-3:
Uma 4-11:
Uma 12-31:
Uma 32-38:
Uma 39-50:
D) Bararratti hundaa’uudhaan
Uma 1-11: Bara abboota amantii Yihudootaa dura ture
Uma 12-50: Bara abboota amantii Yihudootaa
E) Aadaarratti hundaa’uudhaan
Uma 1-38: aadaa Meesoopotaamiyaa
Uma 39-50:aadaa Gibxii
B. Seera Ba’uu
Jecha “exodus” jechurraa kan dhufe yoo ta’u hiikkaan isaas “ Ba’uu” jechuu dha. Kunis Seenaa ijoollee Yaa’iqoob kan 70 ta’anii gara gibxiitti bu’anii fi gaafa ba’an Miliyoona 1.5-2 kan ta’anii ( ijoollee fi dubartoota dabalatee) kan ibsuu dha. Isaanis erga waggaa 430 biyya gibxii keessa turanii booda naannoo bara 1400 B.C tti achi keessaa ba’an.
Kaayyoo macaafichaa:
1. Jalqabbii Seenaa kan macaafa Seera Uumamaa irratti jalqabame kitaabota seeraa kanneen biro wajjiin walqabsiisuudhaaf.
2. Adeemsa Israa’eloonni ittiin garbummaa jalaa ba’an ibsuudhaaf.
3. Waaqayyo kan seera kennu ta’uusaa mul’isuudhaaf
4. Waaqayyo qulqulluu, amanamaa fi wanta dubbate kan raawwatu ta’uusaa mu’isuudhaaf
5. Waaqayyo seenaarratti Gooftaa, bilisaa baasaa fi kadhannaa kan dhaga’u ta’uusaa ibsuuf
Luqqisii furtuu macaafa seera Ba’uu: Ba’uu 3:7-10
“Gad qabamuu saba koo warra gibxi jiranii argeera, … ani mootii Gibxiitti si erga, dhaqii saba koo Israa’el biyya Gibxiitii baasi!” kan jedhuu dha. Muusee macaafa seera ba’uu keessatti:
Fakkeenya Kiristoos ta’uudhaan
Maqaan isaa macaafa qulqulluu keessatti si’a 720 barraa’ee jira
Seera ba’uu keessatti seenaan muusee bakka saditti qoodama:
Waggoota afurtamman jalqabaa: Gibxitti
Waggoota afurtamman lammataa: gammoojjii Miidiyaamiitti
Waggoota afurtamman sadaffaa: saba Israa’el gaggeessaa
Continue Reding