Duuka Bu'ummaa (Discipleship)
Bartuu Dhugaa (True Disciple)
Amantii qabna: Luuteraan, Baaptistii, Pheenxee fi kaarizimaa seerota fi ijaarsa isaanii akkasumas turtiin amantii fudhatama qaban qabna. Kanneen amantii keenya kan ta’anii fi hin taane adda baafne akka itti fayyadamnu nu gargaaru. Garuu bilchinaan jireenya Kiristoos fakkaachuun nutti hiri’ata. Falaasama Amantiis qabna .Kanaanis jireenya keenyaaf, gaaffii garaa garaa ka’aniif deebii laannaaf. Eessaan dhufe, eessaan deema, maalifan jiraadha, akkamittan jiraadha. Kanneen jedhan gaaffilee dhala namaa keessaa hin dhabamneef deebii arganneera. Haa ta’u malee lubbuun keenya amma illee hir’ina qabdu beekti. Mana Amantii qabna.Kana irraa kan ka’e miseensa mana amantii tokkooti, karaa baay’een birmadummaa fi eegumsa qabna, ta’us kunis garaa garummaa waldaa gidduutti uumeera. Tokkummaa Yesuus du’a isaatiin nuuf fide nuuf hin laanne. Macaafni Qulqulluun Kiristaanuummaa ibsu har’a haala walxaxaa ta’e keessa kan jiru kana miti. Salphaa fi karaa jireenyaa lubbuu keenyaaf ta’u ture. Walxaxaan kun guddina hanga fidetti mormuu hin dandeenyu. Haa ta’u malee kanneen yemmuu ilaalaman walxaxaa fi rakkisoo fakkaatan kunniin fiixaan ba’iinsi isaanii kan madaalamu jalqaba isaanii irratti bu’uura isaan irraa ka’aniin.
Hiikaa Waldaa Kiristaanaa
Waldaan Kiristaanaa eenyu? Kan jedhu deebisuuf jalqaba “Waldaa Kiristaanaa” kakuu Haaraa keessatti ilaaluun barbaachisaa dha. Kana immoo hubachuuf jalqaba kakuu moofaa keesatti bakka itti tuqame: Kes deb 9:10, 10:4, 23:2-3, 1Mot, Izra 10:1, Neh 8:2, Erm 44:15, His 17:17, 27:27 kkf Kutaawwan kakun moofaa kana keessatti waldaa yaada akkana jedhu qabdi turte: Walga’ii, tokkummaa. Akkataa kakuu Haaraatti immoo Hoe 19:32-39, 1Qor 1:2, Mul 1-3 kakuu haaraa keessatti egaan walitti qabame amantootaa hiika jedhu qabaata. Walitti qabamin kunis abbaa qaba Mat 16:18, kunis dubbii Yesuus Kiristoos. Egaan waldaa Kiristaanaa walitti qabama, biro irraa adda kan godhu eenyummaa ishee, amala ishee, kaayyoo walitti qabama ishee fi kkf. Walumaagalatti waldaa Kiristaanaa jechuun fayyisummaa gooftaa Yesuus Kiristoositti amanuun Waaqayyoon waaqessuuf, tajaajiluuf, sagalee Waaqayyoo waliin dubbisuuf fi kkf kan carraaqan yaada Waaqayyoo kan raawwatan walitti qabama amantootaa jechuu dha. Kanaan walqabsiisnee ilaaluu kan qabnu waldaan Kiristaanaa kakuu haaraa keessatti haalaan dubbii garaagaraan waamamteetti. Fakkeenyaaf Qonnaa 1Qor 5:9, mana qulqulluummaa 1Qor 3:16, Ijaarsa Efe 2:22, 1Qor 3:9, Qaama 1Qor 12:12 fi kattaa jiraataa 1phex 2:4. Kanneen keessaa sadii fudhannee haa ilaallu.
A. Mana Qulqullummaa
Kun kakuu moofaa Waaqayyo ilmaan Israa’el gidduu buufachuu kan agarsiisu dha (Kes Deb, 25:8). Kunis guutummaa guutuutti ijaarsa manichaan kan walqabate dha. Kakuu kana keessatti fiixaan ba’iinsi Israa’elootaas ta’e Musee Waaqayyo hafuura isaatiin mana qulqullummaa kana keessatti argamuu dha. Kakuu Haaraa keessatti garuu manni Qulqullummaa Waaqayyoo Waldaa Kiristaanaati (1Qor 3:16, efe 2:21-22) hojiin waldaa kiristaanaa kun hanga gooftaan Yesuus deebi’ee dhufutti kan itti fufu dha. Waldaan Kiristaanaa hojjetamteetti kan jennu sagalee Waaqayyoo fi kennaa hafuuraan yoo ijaaramte dha (Efe 4:11, 5:26, 1Qor 12: 7-11)
B. Kattaa jiraataa
Manni tokko akka ijaaramu kan godhan kallattii afraniin gamoon dhaabaman jiru. Isaan kun “Kattaa kallattii” jedhamu. Kan bocamaniis ogeessa ijaarsa mana beekaman, kattaan kun mudaa yoo qabaate, mana ijaaramu in jallisa, kallattii irra jiruun. Akka Pheexiroos nutti himutti kattaa akkasii nuti arganne Kiristoos (1Phex 2:4-8). Inni mudaa kan hin qabne qulqulluu dha. Isa irratti dhagaa biroon ijaaramuun mana qulqullummaa ijaaru egaan waldaan Kiristaanaa jireenya kan qabdu dhaabbata hafuuraati malee, akka dhaabbata kamiillee miti. Haa ta’u malee jireenya hafuuraa ishee kana dhiifnaan akka dhaabbata wa’ii taatee hafuu dandeessi. Macaafota Nehiimiyaa fi Haagee lallabaa yemmuu jirruu dha. Jireenyi hafuuraa uummata Waaqeffatuu diigamee yerooo bade jirutti, mana sagadaa ijaaruuf sagantaa galii sassaabuu gochuun sirrii miti. Kana yoo jennu garuu Haagee fi Nehiimiyaan hin lallabaman; waldaan Kiristaanaas iddoo sagadaa hin qabaatin jechuu miti. Dursa garuu amantootaaf, jireenya hafuuraafi hawwassummaa cimsuun xiyyeeffannoo ta’uu qaba.
C. Qaama Tokkicha
1Qor 12:12-13 kutaa jiru keessatti yemmuu ilaallu, qaama namaa kutaa garaa garaa, qaba garuu Kiristoos qaama tokko kan taate waldaa Kiristaanaatiif akka fakkeenyaatti caqasameera. Qaamni namaa kutaawwan adda addaa qabaatu illee qaamummaa tokko. Waaqayyos Kiristositti kan amanaanii fi kan isaa kan ta’an hunda akka qaama tokkootti (Rom 12:5, Efe 4:4) dha. Dhugaan hafuuraa kunis waldaan Kiristaanaa yemmuu bu’uureffamtee jalqabee kan ture malee gara fuul duraatti kadhannaadhaan kan dhufu miti.
Du’uu fi du’aa ka’uu Kiristoosiin tokkummaa argame eeguun dirqama Kiristaanummaa ti. Hubannoof hagas mara yoo ilaalle, itti aansuun ammoo, gabaabinaan kaayyoo waldaa Kiristaanaa ilaalla.
Kaayyoo Waldaa Kiristaanaa
Dursinee Waldaa Kiristaanaa jechuun maal jechuu akka ta’e ilaalleerra. Kutaa kana jalatti immoo kaayyoo waldaa kiristaanaa ilaalla. Dursee garuu dhugaa jiru hubachuu qabna. Kunis waldaa Kiristaanaa sochii (hojiin) kan jiraatu kaayyoon yoo jiraate ta’uu dha. Waldaan Kiristaanaa kaayyoo yoo hin qabaannee hojii sirrii hin qabaattu. Kaayyoo sirriin yoo hin jiraanne fiigicha galma hin qabne ta’a hojii hundi, kaayyoo fi hojiin gargar hin bahan. Waldaa Kiristaanaa ilaalchisee kaayyolee baay’een yoo jiraatan illee wangeela saba hundaa biraan gahuun, Waaqayyoon waaqessuun, miseensota sagalee Waaqayyoon guddisuu fi tajaajiluun kaayyoolee waldaa Kiristaanaa ijoo dha. Kanneen sagantaa dhaabbataa waldaa Kiristaanaa Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos kakuu moofaa ergaa walitti xumuree booda, ergama guddaa kakuu haaraa keessatti kenneen (Mar 12:29-30, Mat 28:19-20) Kan wal-qabatanii dha. Kutaawwan lamaan macaafa qulqulluu kanneen keessatti “Waaqa kee jaalladhu,” “deemaa”, “Cuuphaa,” “dhuuka buutuu godhaa,” “abbaa buddeenaa kee jaalladhu” jechoota akka ajajaatti taa’an, jechoota, gaaleewwan fi himoota keessatti waldaan Kiristoos Yesuus bara baraan qabachuu kan qabdu hojii kan agarsiisan dha. Haa ta’u malee seenaa waldaa Kiristaanaa irraa akka hubannutti, yeroo tokkotti xiyyeeffannoo guddaa argatee kan ture yeroo biro immoo dagatamee argina.
Fakkeenyaaf yeroo jalqaba waldaan Kiristaanaa bu’uureffamtetti jaarraa jalqabaa keessa, Waaqayyoon Waaqessuu, wangeela lallabuu (babal’isuu), kan amanan sagalee Waaqayyoo barsiisuun guddisuun hojii gurguddoo waldaa Kiristaanaa turan. Ergamaan Phaawuloos hojii Waaqayyoof bakka deeme hundaatti Waaqayyoon akka ta’utti Waaqessuun kan barbaachisu ta’uu yemmuu beeksisu (Qol 1:12-13), miseenso sagalee Waaqayyoon yemmuu beeksisu (Hoe 18:11), rakkatoota yaadachuun barbaachisaa akka ta’e yemmuu dhugaa bahu (Gal 2:10), Wangeelli biyya lafaa hundatti lallabamuu akka qabu yemmuu hubachiisu (2Xim 4:2) ergamni isaa karaa afranuu ifatti mul’atu.
Bara giddu galeessatti ammoo Wangeela labsuun guutummaa guututti dagatamee ture. Rakkoo kanaaf sababni namoonni jireenya “Gadaamii” keessatti hirmaachuu yoo ta’u, ofii isaanii jireenya biyyaa lafaa irraa fageessuun “qulqullummaa” yaadni jedhu yeroo itti ture dha. “Gara biyya lafaa hundaa deemaa, wangeela hundatti lallabaa” (Mar 16:15) kan jedhu ajajin gooftaa Yesuus jireenya waldaa Kiristaanaa keessa tasumaa badee ture. Egaan beektoonni baay’een seenaa waldaa Kiristaanaa akka nu hubachiisanitti, barsiisni akkaataa macaafa qulqulluutti hin taane gara waldaa Kiristaanaa seenuu kan jalqaban yeroo kana. Ergamoota Waaqayyoo fi namoota Waaqayyoo karaa itti Waaqayyoon wal argan godhanii lakka’nuu yeroo kana akka egale dha. Ergama Wangeelaa yemmuu dhaabnutti rakkooleen akkasii uumamuun hin oolu. Jaaraa 18ffaa asitti, hanga ammaatti garuu wangeela labsuun hojii guddaa ta’e argama. Haa ta’u malee duuka buutuu gooftaa sagalee Waaqayyoon guddisuun, kana gochuuf dhama’uun waan hafe fakkaata kanaaf sababoota kan ta’an akka jiran hunda keenya biratti kan beekame ta’u iyyuu, kan amanan sagalee Waaqayyoon guddisuu fi duuka buutuu cimaa gochuun wrgama keenya isa guddaa dha.
2. Duuka Buutuu
Duuka buutuu jechuun nama barumsa bu’uura kiristaanummaa xumuree, cuuphamee, barumsa yeroo muraasaaf baratee xumuru jechuu miti. Yookiin immoo waldaa Kiristaanaaf nama baay’ee amanamaa ta’e jechuu miti. Itti dabalees kutaa macaafa qulqulluu beekuu fi waldaa Kiristaanaa keessas yeroo baay’ee turuus miti. Duukaa buutuu jechuun “Maatetes” jecha Giriikii irraa kan dhufe yoo ta’u, hiikni isaas yaada hojiitti hiikame beekumsa argachuuf jecha kan barataan waan barate irratti jabaatu yoo ta’u, waan barsiisaan jedhus dhagaahanii raawwachuu dha. Yaada akkanaa kakuu haaraa keessatti bakka baay’etti argannu iyyuu Luq 9:23 akka ka’umsaatti haa fudhannu. Naduukaa bu’aa yemmuu jedhu gatii isaa osoo hin beekin, hangi isaa osoo hin galiiniif akka duukaa bu’aniif waamichi Gooftaa Yesuus itti gaafatamummaa Kiristaanummaa gatchisiisee, dhiisi homaa mitii, ani siifan du’aa, ati egasii booda akka garaa keetti jiraattaa, waamicha jedhu miti. Yaada fi waamicha salphaa miti.
Continue Reding